Naannoo Tigiraay bakka tokko tokkootti humni ibsa adda cituu danda'a - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigiraay bakka tokko tokkootti humni ibsa adda cituu danda'a
Hagayya 15/2016(TOI) - Naannoo Tigiraay bakka tokko tokkotti humni ibsaa adda cituu akka danda'u Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.
Adeemsa sarara dadabarsa bishaan gara Hidha humna ibsaa maddisiisuu Takazeetti galchuurratti Yuunitiiwwan buufatarra jiran hojii waan dhaabaniif naannicha bakka tokko tokkotti humni ibsaa addaan cituu akka danda'u beeksiseera.
Hidha kana keessa yeroo bishaan gad dhiifamu hurriin hurkaan uumamuu Tiraansfoormarootaa fi mana humna maddisiisurraan miidhaa akka hin geenyee Yuunitiiwwan lamaan akka hojii dhaaban taasifamuu dhaabbatichi beeksiseera.
Kanaaf Voolteejiin waan jeeqameef naannoo Tigiraay bakka tokko tokkotti humni ibsaa adda cicituu kan danda'u ta'uu beeksiseera.
Roobni gannaa fi bishaan gara hidhichaa galu hanga hir'atutti rakkichi guyyootaaf kan itti fufu ta'uu eeruun maamiloonni obsaan akka eeganii fi filannoowwan biroo akka fayyadama hubachiiseera.
Haaluma kanaan yaa'a hidhichaa gadii fi olii kanneen jiran Xaanqoo, Abargallee, Qollaa Taambeen, Balaa'ilay fi Taahitay maaycoow, Marabila'aa, Asgadaa tsinbalaa,Balaa'ilay fi taahitay Adiyaabaa, madabaay zanaa, Taahitay qorqoroo, waliigalaan jiraatonnii aanaalee naannawwaa laga Takazee fi qaamoleen bulchiinsaa ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisan waamicha taasisuu Odeeffannoon Tajaajila Humna Ibsaa Itoophiyaarra argame ni muli'isa.