Ispoortii
Atileet Warqiwuhaa Geetaachoo Feestivaalii Ispoortii humnoota waraanaa guutuu Afriikaatiin Machaaliif warqee fudde
Nov 25, 2024 317
Sadaasa 16/2017(TOI)- Atileet Warqiwuhaa Geetaachoo Feestivaalii Ispoortii humnoota waraanaa guutuu Afriikaatii lammaffaatiin Machaaliif warqee fudde. Feestivaaliin Naayijeeriyaa Abujaatti adeemsifamaa jiru har’a guyyaa shanaffaasaati. Kilabiin Ispoortii Machaal dorgommii Atileetiksiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomaa jira. Dorgommii xumuraa dubartootaa meetira 5000niin Warqiwuhaa Geetaachoo tokkoffaa baatee Meedaaliyaa Warqee fiddeetti. Ajajaa shantamaa Ayaalfim Daanyaachoo lammaffaa bahuun meedaaliyaa Meetii badhaafamnteetti. Utaalchoo dheeraa dubartootaa ittaantuu ajajaa kudhanii Batsaloot Alamaayyoo fi diskasii darbachuu dubartootaan ajajjuu kudhanii Zurgaa Usmaan meedaaliyaa Meetii badhaafamteetti. Naayijeeriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Laggasee Garramuu fi dippilomaatonnii fi hojjettoonni biroon dorgommicharratti argamuun atileetota jajjabeessa niiru. Haala wal fakkaatuun atileetonni dhiiraa fi dubartii dorgommii gulaallii meetira 400 irratti hirmaatan saala lamaanuu xumuraaf darbaniiru. Machaal feestivaalii Kanaan amma ammaatti Warqee 1 fi meetii 4 walumaa gala meedaaliyaa 5 argachuusaa odeeffannoon ministeera ittisaarraa argame nimul’isa. Itiyoophiyaa dabalatee Ispoortessitoonni biyyoota Afriikaa 25 irraa walitti dhufan kuma 1 184 Feestivaalii Ispoortii kanarratti hirmaachaa jiru. Fwwstivaalii kana jalqabaaf Keeniyaan erga qopheessitee booda waggaa 20f addaan citee waggaa 20 booda deebi’ee dorgomamuu jalqabeera.
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama.
Oct 22, 2024 716
Onkoloolessa 12/2017 (TOI) - Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama jedhan Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Paatrisi Motsepee. Yaa'iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaa Itoophiyaan keessummeessite xumuramera. Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatriis Mootsipee fi hoggantoonni CAF biroon waliin ta'uun Yaa’ii Waliigalaa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Itoophiyaan seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti gahee gahee olaanaa akka qabduu fi miseensota hundeesitoota CAF keessaas tokko akka taate Pireezidaantin CAF ibsaniiru. Itoophiyaan biyya bilisummaa Afrikaa keessattillee shoora olaanaa taphatte ta'uu eeraniiru. Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf gaaffiin dhiheessite yeroo isaakan eeggate akka ta'ees ibsaniiru. Itoophiyaanonni kubbaa miilaatiif fedhii fi hidhannii isaan qaban guddaa ta'uu kan hubatan ta'uu eeranii; Ispoortiin humna guddaa tokkummaa uummata cimsudha jedhaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Istaadiyeemii fi bu’uuraalee misoomaa ispoortii Itoophiyaatti hojjetamaa jiran isaan daawachiisuu isaanii fi waan arganittis gammaduu ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheesitee haala sirna adeemsa hojii CAF'n kan ilaalamu ta'uu himaniiru. Itoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa CAF milkaa’inaan keessummeessuu himanii haala Itoophiyaanoonni itti keessuummaa simatan dinqisiifataniiru.
Yaa’iin waliigalaa idilee KKMA 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite xumurame
Oct 22, 2024 589
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Yaa’iin waliigalaa idilee konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite murteewwan addaddaa dabarsuun xumurameera. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa Paatriis Mootseeppee fi miseensonni hojii raawwachiisaa KKMA, pirerzidaantiin Fiifaa Jiyaanii Infantiinoo fi barreessaan muummee Fiifaa Maatiyaas Giraafstiroom, federeeshinoonni kubbaa miilaa biyyoota miseensa fi pirezidaantoonni waldaalee kubbaa miilaa qaxanaa akkasumas qaamolee qooda fudhattoota Ispoortii biroon yaa’icharratti hirmaataniiru. Gabaasonni raawwiin hojii kan waggaa, bajataa, Faayinaansii, odiitii fi koreewwan KKMA garagaraa yaa’ii waliigalaarratti dhihaatanii mariin taasifameera. Keewwattoota addaddaa shoora yaa’ii waliigalaa, walgahiiwwan koree hojii raawwachiisaa kan waggaa fi Eksipoo KKMA dabalatee danbii ittiin bulmaataa KKMA irratti argaman irratti fooyyessi taasifameera. Misoomaa fi guddina Kubbaa miilaa Afriikaa cimsuu, bu’a qabeessummaa Afriikaan guddina kubbaa miilaa addunyaarratti qabdu guddisuu, ijaarsa bu’ura misoomaa Ispoortii, baay’ina faayinaansii biyyoonni miseensa KKMA misooma kubbaa miilaaf Ramadan guddisuu kan jedhan yaadota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha. Dabalataanis naamusa Ispoortii, hojmaata badaa dhabamsiisuun bulchiinsa gaarii buusuu fisanyummaa ittisuu dhimmoota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha. Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa(KKMA) gaaffii Itiyoophiyaan bara 2029 Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti gaafachuunsaanii niyaadatama.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015