Saayinsii fi teeknooloojii
Kubbaaniyaan Ameerikaa Tajaajila Idila Addunyaa  hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu  beeksise
Apr 25, 2025 52
Ebla 17/2017 (TOI)-Kaampaaniin Baankii Viizaa Amerikaa Itiyoophiyaa dabalatee riijinichatti, Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksiseera. Minsteerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Viizaa Amerikaa, kaardii kaffaltii Idila Addunyaa Inki tajaajila hawaalaa, faayinaansii dijitaalaa fi carraawwan deeggarsaa haaraa irratti waliin hoojechuuf marii’ateera. De’etaan Ministiraa Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alamaayyoo Mootummaan Itiyoophiyyaa wal-qixxummaa fi faayidaa waloo irratti kan Xiyyeeffate Tumsa Dijiitaalayizeeshinii akka guddatu fedhii guddaa qabaachuu ibseera. Milkaa’ina Tiranisfoormeeshinii Dijiitaalaa seeraan, bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa humna namaan hojiiwwan bal’aan raawwatamaniiru. Hojiiwan Biyyoolessaa Dijiitaalayizeeshinii gochuu fi omisha faayinaansii tajaajila haarawaa Itiyoophiyaatti qaqqabsiisuuf tattaaffii gochaa jiraachuu ibsaniiru. Itti aanaan Pirezidantiin riijinii kibba Baha Afriikaa Viizaa Inki Mikaa’el Berner, Tajaajila Viizaa Idil Adduyaa, Itiyoophiyaa fi biyyoota Riijinichatti dhaqabamaa taassisuuf fedhii qabaachuu ibseera. Kaffaltiin Dijiitaalaa Viizaa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuun akka dandahamu ibsuun , Muuxannoo Idil Adunyaa fi naannoo hojiirra akka oolu ibsaniiru. Ajandaan Tiraanisfoormeeshiniin Dijiitaala Itiyoophiyaa akkasumas, tarsiimoon Pirojektii Dijitaalaa fi karoora raawwiisaa ilaalchisee, waliin hojjechuuf walii galteerra gahuu odeeffannoon minisreerichaa ni’agarsiisa.
Ejensichi leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise
Apr 22, 2025 143
Ebla 14/2017(TOI)-Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise 127 eebbisiiseera. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo, sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa fi daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo sirna eebbaarratti argamaniiru. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo wayita kana akka ibsanitti, mootummaan tajaajila dijitaalaayizii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jira. Humna namaa ogummaa teeknooloojiin ga’oome horachuun tajaajila dijitaalaayiz gochuuf murteessaa ta’uu ibsanii, sosochiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa qaba jedhan. Dhaabbileen kana hubachuun hojjettoonnisaanii leenjii akka fudhatan gochuurratti sochiin taasisan ajaa’iba ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa dijitaalaa diriirsaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf ammoo humna namaa horachuun murteessaa waan ta’eef leenjiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo dhaabbatichi tajaajila kennu ammayyaa fi qaqqabamaa taasisuuf riifoormii taasisaa akka jiru dubbataniiru. Leenjiin koodarsii miiliyoona shanii humna namaa ga’oome horachuuf filatamaa waan ta’eef hojjettoonni ejensichaa leenji’aa jiru jedhaniiru. Ebbifamtoota keessaa Wandimmaagany Habtaamuu fi Geetinnat Yittaayawu leenjichi beekumsa teeknooloojii garagaraa gabbifachuuf akka isaan dandeessise eeranii, kun ammoo tajaajila si’ataa gochuuf nugargaara jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Itiyoophiyaanonni yaada maddisiisan taatee teeknooloojii guddicharratti hojiisaanii nidhiheessu
Apr 14, 2025 442
Ebla 06/2017(TOI) Afriikaatti taatee teeknooloojii guddichaa fi hojii uumtonni jalqabdoonni (Staart aappi) ta’uun kan himame waltajjiin teeknooloojii Jii’aayiteeksi Afriikaa har’a Moorookoo Maaraakaashitti jalqabameera. Waltajjiin kun Afriikaatti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa dijitaal Tiraanisfoormeeshinii, Innoveeshinii fi walitti hidhata biizinasii adda duree ta’an walitti fideera. Itiyoophiyaa dabalatee bakka bu’oonni biyyoota 130 caalan irraa walitti dhufan kuma 4 fi 500 caalan, kaampaaniiwwan hojiisaanii dhiheessanii fi hojii uumtonni reefu jalqaban kuma 1 fi 400 caalan, dhaabbileen mootummaa 650 caalanii fi dureeyyiin 350 caalan hirmaataniiru. Nageenyi Saayibarii, barnoonni, telekoomiin, faayinaansiin, fayyaan ispoortii fi teeknooloojiin qonnaa kalaqa teeknooloojii dhihaata keessaayyi. Itiyoophiyaanonni Waltajjii teeknooloojii ardii irratti teeknooloojiiwwan rakkoo hawaasaa furanii fi jireenya itti mijeessan uumuu danda’an hirmaataniiru. Itiyoophiyaanonni kunneen hojiisaanii dhiheessaa jiru. Kana cinaattis hubannoo namtolchee, nageenya Saayibarii, dinagdee dijitaalaa, misooma fulla’aa, hojii uumuu dhimmoota biroorratti mariin nitaasifama. Waltajjiin Moorookoo Maaraakaashitti adeemsifamaa jiru sammuu cimaa ardii Afriikaa jiru walitti qabuun fi cehumsi beekumsaa akka ta’u gochuun Afriikaa dorgommii teeknooloojii addunyaarratti adda duree akka taatu qooda guddaa kan taasisudha jedhameera. Dinagdeen dijitaalaa GDP Afriikaaf doolaara biiliyoona 180 ol gumaachaa akka jiruu fi gabaan nageenya saayibarii Ardichaa waggaatti galii doolaara biiliyoona 245 maddisiisuu akka danda’u ibsameera. Jii’aayiteeksi Afriikaan amma Ebla 8 bara 2017tti akka turu agabaasaan TOI bakkarraa gabaaseera. Taateen Teeknooloojii mootii Moorookoo Mahaammad jaahaffaa jalatti kan hoogganamudha.
Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa 2025 Caamsaa dhufu Finfinneetti taa’ama
Mar 26, 2025 243
Bitootessa 17/2017 (TOI)- Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa Itiyoophiyaa 2025 Caamsaa 8 bara 2017 irraa eegalee guyyoota sadiif giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti ni’adeemsifama. Eksipoon tumsa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo fi Inistiitiyuutii hubannoo namtolcheen qophaa’u kun Baha Afriikaatti taatee Teeknooloojii isa guddaa ta’uun ibsameera. Eksipoo kana ilaalchisuun daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid fi daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Injiinar Warquu Gaachanaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid akka jedhanitti, Eksipoon kun milkaa’inoota Itiyoophiyan cehumsa dijitaalaan galmeessifte addunyaaf beeksisuuf kan akeekamedha. Nageenyi Saayibarii, Hubannoon namtolchee, nageenyi faayinaansii, Smaart Siitii fi barumsi teeknooloojii qabxiilee xiyyeeffannoo Eksipoo kanaa ta’uu dubbataniiru. Eksipoo dameewwan xiyyeeffannoo shanan bakka tokkotti qabate waan ta’eef baha Afriikaatti taatee teeknooloojii guddicha ta’uu eeraniiru. Namoonni kuma 10 caalan Eksipoo kanarratti akka argaman ibsanii, kana cinaatti walgahiiwwan, Egzibiishiniin, Simpooziyeemii fi dorgommiiwwan akka taasifaman eeraniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa gamasaaniin, Eksipoon kun Itiyoophiyaan teeknooloojiishee addunyaaf kan itti beeksiftu, akkasumas addunyaarraa kan itti barattu waltajjii Teeknooloojii ta’uu ibsaniiru. Kessumaa sektarri dhuunfaa bal’inaan akka hirmaatan gochuun dirreen muuxannoo itti waliif qoodan ni’uumama jedhan. Eksipoon kun imala dijitaalaayizeeshinii ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin kan walsime ta’uu ibsanii, dorgommiin hubannoo namtolchees akka taasifamu dubbataniiru.
Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii itti nifufu-Ministira Mufarihaat Kaamil
Mar 25, 2025 223
Bitootessa 16/2017(TOI)- Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Ministeeri hojii fi ogummaa fi Hayibiriid diizaayin (Raayid) kalaqa, carraa hojii fi misooma ogummaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Walii galtichi namoota hedduuf carraa hojii kan uumuu fi waggoota shaniif akka turu beekameera. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil wayita kana akka jedhanitti, mootummaan carraa hojii uumuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu waliin hojjechaa jira.   Adeemsa Kanaan qoonni sektarri dhuunfaa qabu bakka bu’aa kan hinqabne waan ta’eef carra hojii uumuurratti hojiileen tumsaan hojjetaman akka jiran ibsan. Waliigalteen Haayibiriid Diizaayin waliin irra gahame damee teeknooloojiitiin dargaggoota, dubartootaa fo qaama miidhamtoota hedduuf carraa hojii uumuu akka danda’u eeraniiru.   Hundeessituu fi hojii raawwachiiftuun Haayibiriid Diizaayin(Raayid) Saamiraawit Fiqruu gamasaaniin, dhaabbannisaanii sektara teeknooloojii geejjibaatiin namoota kuma dhibba ta’aniif carraa hojii uumaa akka jiru ibsaniiru. Waliigaltichi dameen tajaajila geejjiba teeknooloojii gumaacha carraa hojii uumuuf qabu guddisuuf kan akeekamedha jedhaniiru. Haala Kanaan Haayibiriid Diizaayin Raatyidiin ala pirojektoota biroo bocuun namoota hedduuf carraa hojii akka uumu eeraniiru.
Namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa jiru
Mar 25, 2025 201
Bitootessa 16/2017(TOI)-Sadarkaa biyyaalessaatti namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa akka jiran ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii beeksise. Kanneen leenjicha xumuran kuma 180 caalan waraqaa raga argachuusaanii ministeerichi beeksiseera. Sagantichi pirojektii tumsaa Itiyoophiyaa fi deeggarsa Emereetota Arana Gamtoomaniin kan gaggeeffamu ogummaa hojii dijitaalaa kan guddisudha. Pirojektichi yaadama “dhaloonni haabaratu,dhaloonni haa leenji’u, addunyaa waliin haa dorgomu” jedhuun namoonni beekumsa isaanii gabbifachuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa fi ga’oomaa akka ta’an hojiirra oolaa jira. Sagantichi waggoota sadan dhufan dargaggoonni miiliyoona shan weeb pirogiraamiingii, Andirooyidii hojjechuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolchee irratti ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka horatan nidandeessisa. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti de’eetaan ministiraa damee Ayisiitii fi dinagdee dijitaalaa Dr. Yishuruun Alamaayyoo TOI’tti akka himanitti, sagantichi ogummaa dijitaalaa guddisuuf nidandeesisa. Namoonni kuma 580 caalan galmaa’anii leenji’aa yoo jiran kanneen keessaa kuma 180 kan ta’an leenjii xumuranii waraqaa raga argachuusaanii ibsaniiru. Raawwiin leenjii kun Finfinnee, Dirree Dawaa fi Hraritti fooyya’aa ta’uu eeraniiru. Sagantaa kana milkeessuuf naannoleen biroo xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Deeggarsi barbaachisu akka taasifamus dubbataniiru. Leenjichi hojii kalaqaa jajjabeessuuf kan gargaaru waan ta’eef dargaggoonni carraa kanatti fayyadamanii of ga’oomsuu akka qaban himaniiru.
Dirreen mijataa Yaadamoota Teeknooloojii fi Kalaqaa gabbisuuf dandeessisu
Mar 13, 2025 173
Bitootessa 04/2017(TOI)-Dirreen mijataa Yaadamoota Teeknooloojii fi Kalaqaa ijaarsa dinagdee dijitaalaaf shoora qaban gabbisuuf dandeessisu uumamuusaa ministeerri Innoveeshinii fi Teeknoloojii ibse. Dorgommiin Roobootiiksi Shaampiyoonshiippii Afriikaa 2025 Golambaa Saayinsiitti eegalameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baayyisaa Badhaadhaa akka jedhanitti, bara kana teeknooloojiiwwan akka Roobootiiksii fi hubannoo namtolchee biyya keenyaaf baay’ee barbaachisu. Itiyoophiyaan guddina fulla’aa fi walirraa hincinne galmeessisuuf akkasumas dinagdee dijitaalaa walirraa hincinne ijaaruuf hojjechaa jirti jedhaniiru. Hammattoowwan seerraa garagaraa qopheessuun damee dijitaalaan dirree mijataa uumuuf hojjetamuusaa kaasanii, kun ammoo dandeettii fi beekumsa damee kanaa gabbisuu fi yaada kalaqaa gumaachuuf gargaaruusaa eeraniiru. Inisheetiiviin Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyona 5nii guddina dandeettii dijitaalaaf gumaacha taasisaa akka jiru eeraniiru. Dameen dhuunfaa guddina dijitaalaaf gumaachasaa akka taasisu dirreen mjataan uumamuusaa dubbataniiru. Dorgommiin Roobootiiksii hojiileen kalaqa jajjabeessan kan keessatti mul’atanii fi yaada maddisiisuu fi guddisuun akkasumas hojiirra oolchuun qabeenyii fi carraan hojii akka uumu eeraniiru. Hojii gaggeessaan jiddugaleessa Itiyoo Roobotiiksi obbo Senaakirem Mokonnon gamasaaniin, barattoonni dandeettii Pirogiraamingii, Diizaayinii, Maandisummaa fi dandeettii wal fakkaatan akka fooyyeffatan kan gargaarudha jedhaniiru. Dorgommiin kun guyyoota sadiif kan taasifamu yoo ta’u, barattoonno Itiyoophiyaa kan mootummaa, dhuunfaa fi manneen barnootaa idil addunyaa nihirmaatu.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015