Hawaasummaa
Naannoo Oromiyaatti talaalliin ittisa dhibee pooliyoo eegalame
Feb 21, 2025 62
Guraandhala 14/ 2017 (TOI)-Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii ittisa dhibee pooliyoo daa’imman miliyoona 8 tuqaa 3 oliif kennamu har’a magaalaa Mojootti eegalameera. Sagantaan jalqabsiisa duula talaallii ittisa dhibee Pooliyoo har’a jalqabame kun kan marsaa jalqabaa ta’uun ibsameera. Itti aanaa hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa, kantiibaan Magaalaa Mojoo obbo Gazaalii Ashuu, hoggantoonnii biiroo fayyaa Oromiyaa biroo fi hawaasni Sagantaa jalqabsiisa duula talaallii kana irratti argamaniiru. Itti aanaan hogganaa Biiroo fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa sagantaa kanarratti akka himanitti, talaalliin kun sadarkaa naannootti daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii fi isaa gad ta’eef Guraandhala 13 hanga 17/ bara 2017tti guyyoota shaniif walitti fufinsaan kan kennamu ta’uu himaniiru. Duula talaallii kanaaf qophiin gahaan taasifamuu ibsanii, ogeessonni fayyaa fi to'atoonni hedduun duula talaallii kanarratti akka hirmaatan eeraniiru. Daa'iimman Kanaan dura talaalii idilee fudhataniifis ta'ee hin fudhanne kan talaalaman yoo ta'u, ogeeyyii talaalicha kennanii fi qindeesitootaaf leenjiin gahaan kennameera jedhniiru. Talaalliin kun mana manaatti, manneen barnootaa fi bakkeewwan namoonni sababa adda addaan qe'ee isaaniirra buqqa'anii qubatanii jiranitti kan kennamu ta’uu eeraniiru. Pooliyoon dhukkuba vaayirasiin daa'imaa daa'imatti daddarbuu fi, qaama miidhamummaa dhaabbataa fi du'aaf illee nama saaxiluu kan danda'u ta'uu ibsaniiru. Akka biyyaatti talaaliin dhibee pooliyoof kennamaa turuu himanii, waggoota muraasaa as akka biyyaatti da'immaan 39 akka Oromiyaatti immoo daa'ima 17 irratti waan argameef duula talaallii yeroo yeroon taasifamuu fi idileen kennamu cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru. Kantiibaan magaalaa Mojoo obbo Gazaalii Ashuu gama isaaniin, duula talaalii pooliyoo kanaan daa'immaan kuma 12 fi 57 kan talaalaman ta'uu himaniiru. Hawaasni magaalichaa fi qaamoleen qooda fudhatooni milkaa'ina duula kanaaf akka gumaachan waamicha taasisaniiru.
Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa gaarii galmeesifteetti
Feb 15, 2025 84
Guraandhala 8/2017(TOI)- Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa gaarii galmeesisuu ishee daarektarri olaanaa Giloobaal Fandii Piiter Saandisibsan. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa garee jilaa daarektarichaan durfamu faayinaansii fayyaa fi dhukkuba ittisuu irratti mari’ataniiru. Deeggarsi USID dhiheenya addaan cite biyyoota Afriikaa kan ija banachiise ta’uu kan duubbatan ministirri Fayyaa kun, Itiyoophiyaan ammas hojiilee sagantaa fayyaa damee Fayyaa adeemsifamaniif deeggarsa tumsitootaa ishee barbaachisa jedhaniiru. Deeggarsa Giloobaal Fandiin Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru. Dr. Maqdas deeggarsa Giloobaal Fandiin dhukkuboota akka HIV, Sombaa, fi busaa ittisuurratti taasise dinqisiifatanii, tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa akkasumas carraaqqiiwwan sirna fayyaa walii gala fooyyessuuf taasifamaniif Giloobaal Fandiin deeggarsa taasisu akka itti fufu gaafataniiru. Daarektarri olaanaa Giloobaal Fandii Piiter Saandis, ulaagaa madaallii hedduutiin Itiyoophiyaan bu’aa gaarii galmeessisuushee ibsanii, Itiyoophiyaa waliin hojjechuun akka isaan boonsu dubbataniiru. Tumsi kun bu’aa guddaa galmeessisuuf dandeessisuunsaa pirojektoonni bu’a qabeessa ta’uusaaniif akka fakkeenyaatti eeruusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa. Itiyoophiyaan Bajata Fayyaaf ramaddu guddisuun ishee fakkeenya ta’uu akka qabu ibsaniiru. De’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa dabalatee hooggantoonni olaanoon kan hirmaatan yoo ta’u Faayinaansiingii Fayyaa, ulaa fandii guutuu, oomisha biyya keessaa guddisuu fi dhukkuba ittisuurratti mariin taasifameera.
Riifoormiin damee barnootaa Finfinneetti taasifame bu’aa agarsiisaa jira-Biiroo barnootaa Finfinnee
Feb 10, 2025 167
Guraandhala 3/2017(TOI)- Riifoormiin damee barnootaa Finfinneetti taasifame qulqullina barnootaa eegsisuurraa eegalee bu’aa agarsiisaa akka jiru Biiroo barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Itti aanaa biirichaa obbo Diinaa’ol Caalaa Turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, bulchiinsa magaalattiitti hojiiwwan riifoormii qaqqabiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu dandeessisan hojiirra oolaa jiru. Manneen barnootaa mijataa taasisuu, reeshiyoo barataa fi barsiisaa guddisuu, barattoonni barumsarraa akka hinhafne gochuu irratti hojjetamuu kaasaniiru. Haala Kanaan meeshaaleen barnootaa fi yuuniifoormiin barattootaa guutamanii akka dhihaatan akkasumas barattoonni Wixataa amma Jimaataatti guyyaatti al lama soorata akka argatan taasifamuu himaniiru. Barattoonni beekumsa erragaa fi dandeettii afaan ingilizii tutoriyaalii fi tooftaalee garagaraan akka cimsan tarsiimoon qophaa’ee milka’inaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojii jijjiiramaan asitti hojjetameen hojiin riifoormii barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuutiin qabxiin barattootaa fooyya’uusaa beeksisaniiru. Gama biraatiin biiroo nageenyaa fi tasgabbii waliin ta’uun wantoota barnoota jeeqan kan naannawa mana barumsaatti argaman hordofuu fi to’achuun sirni baruu fi barsiisuu karaa anagaa akka adeemsifamu ta’uu kaasaniiru. Baatiiwwan jahan darban tarkaanfii gochoota barumsa jeeqanirratti fudhatameen baruu fi barsiisuurratti bu’aan gaariin argamuu dubbataniiru. Akka ibsa itti aanaa biirichaatti, odeeffannoo barattootaa fi manneen barnootaa karaa dijitaalaan akka walitti hidhamanii gochuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru. #Itiyoophiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Naannoo Oromiyaatti waggoottan lamaan darban manneen dawaa ummataa 515 banamanii tajaajila kennaa jiru-Biiroo Fayyaa Naannichaa
Feb 10, 2025 202
Guraandhala 3/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti waggoottan lamaan darban manneen dawaa ummataa 515 banamanii tajaajila kennaa akkaa jiran Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Naannichatti hanqinni dawaa akka hin uumamnee fi gaaffiin tajaajila fayyaa lammiilee deebii akka argatu dhiheessii dawaa bal’isuun hojjetamaa akka jiru ibsameera. Tajaajila fayyaa fi dhiheessii dawaa naannichaa ilaalchisuun TOI ‘n itti aanaan hoogganaa biiroo fayyaa naannichaa Dr. Bokonaa Guutaa haasofsiiseera. Dr. Bokonaan ibsa kennaniin, dhiheessii fi qaqqabiinsa dawaa bal’isuun hojiileen milkaa’oon hojjetamuusaanii eeraniiru. Gama Kanaan xiyyeeffannoo addaatiin sagantaan bahee manneen dawaa baay’inaan ijaaramanii tajaajila akka kennan taasifamuu kaasaniiru. Waggoota lamaan darban manneen dawaa hawaasummaa 515 banamanii tajaajila kennaa akka jiran Dr. Bokonaan dubbataniiru. Manneen dawaa ummataa mootummaan ijaaramanii mootummaan dawaaf deeggarsa taasisuun hawaasni gatii mootummaan baaseen haqa qabeessaan fayyadamaa ta’uu eeraniiru. Deeggarsa taasifameen hawaasni dawaa manneen dawaatti hin argamne argachuu isaatti ummanni itti quufuusaa eeranii, kanaanis bu’aan guddaan argamuu himaniiru. Hanqina dawaa maddarraa dhabamsiisuuf dawaalee alaa galfamanis ta’e kan jira teeknooloojii fayyadamuun raabsuun, hanna hambisuu fi qabannaa fi itti fayyadama dawaa irratti hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.
Daarektarri olaantuu IMF Kiriistaaliinaa Joorjiiyeevaa jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’(dubartoota egereef) dawwatan.
Feb 8, 2025 142
Guraandhala 1/2017(TOI)- Daarektarri olaantuu dhaabbata maallaqaa idil addunyaa ‘IMF’ Kiriistaaliinaa Joorjiiyeevaa jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’(dubartoota egereef) fi mana barumsaa bultii birihaan qaroo dhabeeyyii dawwataniiru. Daarektarri olaantuu Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa jira kun, Kanaan dura ministira maallaqaa Ahimad Shidee fi hooggantoota mootummaa olaanoo waliin marii taasisuun isaanii nibeekama. Sa’aatii boodas jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’ (dubartoota egereef) fi mana barumsaa bultii birihaan qaroo dhabeeyyii dawwataniiru. Kiriistaaliinaan guyyoota lama Itiyoophiyaa keessa turaniin, guddina dinagdee Itiyoophiyaa, imaammattoota dursi kennamanii fi riifoormii dinagdeerratti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi hooggantoota mootummaa olaanoo waliin akka mari’atan eegama. Kiriistaaliinaan damee dhuunfaarra kan hojjetan waliin cdaldalaa fi carraalee dinagdee Itiyoophiyaan qabdu irratti yaada akka waljijjiiran ibsameera. Daawwannaan daarektara olaantuu kun ‘IMF’ carraaqqii Itiyoophiyaan guddina dinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabuuf taasiftu deeggaruuff kutannoo qabu kan agarsiisu akka ta’e himameera. Kiristaaliinaa Joorjiiyeevaa A.L.A bara 2019 Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuusaanii odeeffannoon ministeerichaa yaadachiiseera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015