Ambaasaddaroonni Biyyoota Adda Addaa Paarkii Biyyoolessaa gaarreen Baalee Daawwachaa Jiru

Ebla 17/2017(TOI)- Ambaasaddaroonni biyyoota adda addaa paarkii  biyyoolessaa gaarren Baalee daawwachaajiru.

Ministeerri Turizimii Yuniskoo waliin ta’uun Ambaasaaddarota teessoosanii Finfinnee godhataniif sagantaa daawwannaa qopheesseera. 

Sagantaa daawwannaa kana irratti Ambaasaddaroonnii fi Dippilomaatonni biyyoota 20 olii irratti hirmaachaa jiru.  

Daawwanichaan  qabeenya Tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu ilaalchisee de’etaan Ministira Silashii Girmaa ibsa  kennaniiru.

Hambaawwan Itiyoophiyaan Dhaabbata  Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbata  Barnoota, saayinsii fi Aadaati (UNISCO) irratti galmeessisiiftte keessaa tokko paarkii biyyoolesaa  Gaara Baalee ta’uu odeeffannoon  Ministeera Tuurizimii  irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015