Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun alatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa jirti
Mar 18, 2025 245
Bitootessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun oomishtummaa Bunaa guddisuun cinaatti ijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa akka jirtu ministirri qonnaa Girmaa Amantee ibsan. Abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa mootummaa Xaaliyaanii fi Baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun liqii qaamolee oomishtoota, dhiheessitootaa fi damee kanarratti hirmaataniif deeggaruu dandeessisu ifoomseera. Mootummaan Xaaliyaanii damee liqii yeroo dheeraa keessatti deebi’u Yuuroo miil. 10 kan eeyyame yoo ta’u liqii argame Baankiin daldala Itiyoophiyaa bulchuuf itti gaafatama nibaha. Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee wayita kana akka jedhanitti, walitti hidhata galtee oomisha bunaa Itiyoophiyaa keessdatti abbootii fi haadholiin warraa miiliyoona 5 caalan nihirmaatu. Guddina hawaasummaa fi dinagdee Itiyoophiyaaf oomishnii fi oomishtummaa Bunaa guddisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Walitti hidhata galtee oomisha Bunaa irratti faayinaansiin rakkoo tokko ta’uu eeranii, liqiin mootummaan Xaaliyaanii taasise kun qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa biiliyoonaan dhaabuushee eeraniiru. Kanaanis oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuun dinagdee deeggaruun cinaatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora guddaa taasisaa akka jirtu dubbataniiru. Daarektarri ejensii tumsa misoomaa Xaaliyaanii Maayikil Moraanaa mootummaan Xaaliyaanii walitti hidhata galtee misooma Bunaa Itiyoophiyaa deeggaruuf fedhiin agarsiise ibsituu kutannoo misooma waloo biyyoota lamaanii ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aa ibsituu walooma Itiyoophiyaa fi Xaliyaanii ta’uu ibsanii, cehumsa qonna Itiyoophiyaaf bu’ura kaa’uuf tumsi keenya cimee itti fufa jedhaniiru. Pirezidaantiin Baankii daldala Itiyoohiyaa Abbee Saanoo gamasaaniin, oomisha bunaa Itiyoophiyaa guddisuuf oomishuurraa eegalee amma gabaa bahutti bu’aa bahii keessa akka darbu ibsaniiru.
Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominnii fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2025 192
Bitootessa 09/2017(TOI)-Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaa fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ibsameera. Workishooppiin adeemsa raawwii hojii Pirojektii 'ECOSAVE' xiinxalurratti fuulleffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffameera. Pirojektichi dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota 'ikoo rijinii' Baalerra gahaa jiru qorannoon adda baasuun fala kaa'urratti xiyyeeffachuun ibsameera. Pirojektichas dhaabbata ‘WaterAid, MELCA-Ethiopia’fi Yunivarsiitii Madda Walaabuu qindoominaan geeggessaa jira. Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii fi qorannoo Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi tajaajila hawaasaa irratti fuulleffatee hojjachaa jiraachuu woorkishooppicharratti dubbataniiru. Keessattuu Yunivarsitichi qorannoolee hojiilee qonnaa, fayyaa, qabeenya uumamaa, heddumina lubbu qabeeyyotaaf dursa kennuun irratti hojjachaa jiraachuus eeran. Qorannoon qindaawaan dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qoodafudhattoota wajjiin hojjatamaa jirus agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta'uus kaasan. Dhaabbata ‘WaterAid'tti’ qindeessaan sagantaalee Obbo Gabree Ballaxaa gamasaaniitiin dhaabbatichi waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu himan. Hojirra oolmaan Pirojektii 'ECO SAVE's hawaasa aanaa Barbaree kuma 20 caalaniif bishaan dhugaatii obaasuuf hojiin danddeesissu hojjatamaa jiraachuu akeekan. Qorattoonni Yunivarsiitichaa gamasaaniitiin dhiibbaa qabeenya umamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota naannoo ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qindoominaa fi tumsi qoodafudhattootaa daran cimuu akka qabu dhaaman. Keessattuu Hwaasni adeemsa jiruu injifachuuf taasisu keessatti dhibbaa qabeenya umamaarraan gahaa jiru akka xiqaatuuf hojiileen jiruu hawaasaa fooyessuurratti fuulleffatan xiyyeeffannoo arggachuu akka qabanis akeekan. Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa gara gammoojjii dabaluu, maddoota bishaanii fi bosona naannoo sanaa kunuunsuun tooftaawwan dhiibbaa mul'atan xiqqeessuuf eeraman keessaa ta'uunis barameera. Bulchaan Aanaa Barbaree Obbo Ahmaddiin Muhammad gamasaaniitiin pirojektichi hojiilee qindaawaa kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti hojjatamaa turan qorannoon deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf kan tumsu waan ta'eef qoodafudhattoota galateeffataniiru.
Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu jalqabamuufi
Mar 8, 2025 323
Guraandhala 29/2017(TOI)፡- Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu mata duree “Itiyoophiyaa qulqulluu fi ashaaraa magariisaa aadaa godhachuu” jedhuun jalqabamuufi. Sosochiin marsaa lammaffaa kun hawaasni akaakuuwwan faalama naannawaa hubatee ofeeggannoo akka taasisu hubannoo uumuuf akka ta’e ibsameera. Daarektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar Lalisee Namee turtii Tajaajila oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka ibsanitti, naannawa eeguu fi kunuunsuun ittigaafatama hawaasa hundaati. Hawaasni akaakuuwwan faalamaa sirriitti adda baasee ittisuun qoodasaa akka bahatu hojiileen hubannoo uumuu murteessaa ta’uu ibsaniiru. Sosochii faalama dhaabuu dhiheenyatti ifoomuu fi baatii jahaaf turuun faalama ilaalchisuun hojiileen hubannoo uumuu akka hojjetaman eeraniiru. Seera faalama Pilaastikaa ittisuuf bahaa jiru hojiirra oolchuuf oomishtootaa fi fayyadamtootaaf hubannoo gahaa uumuun barbaachisaadha kan jedhan daarektarri olaanaa kun baatiin jalqabaa faalama pilaastikaa irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Kanneen balaafamoodha jedhaman dabalatee akkaataa balfa gogaan itti dhabamsiifamu irratti kutaaleen hawaasaa fi dhaabbileen hundi qoodasaanii akka bahan akka hubatan nitaasifama jedhaniiru. Faalama sagalee ittisuuf hedduu hojjechuun akka barbaachisu ibsanii, kana sirreessuuf hawaasa waliin ta’uun bal’inaan akka hojjetamu himaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen eegumsa biyyoo fi Bishaanii murteessaa ta’uu ibsanii, nageenyaa biyyoo fi Bishaanii irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Faalama qilleensaa ittisuuf humna haaromfamutti fayyadamuun murteessaa ta’uu ibsanii, hojiileen gama Kanaan jalqabaman akka itti fufan nitaasifama jedhaniiru. Kanneen Seera dhaabbileen mootummaas ta’e dhuunfaa qorannoo naannawaa fi hawaasummaa osoo hintaasisiin pirojektoota akka hin eegalle taasisu hinkabajne akka adabaman dubbataniiru. Gama Kanaan hojiin hubannoo uumuu sadarkaa biyyaalessaatti akka hojjetamu eeraniiru. Sosochiin faalama dhaabuu marsaa jalqabaa mata duree “ faalamni haadhaabatu, miidhaginni haadammaqu” jedhuun Ebla 1 bara 2016 amma Fulbaana 30 bara 2017tti taasifamuun niyaadatama.
Hawaasni hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu gochuuf shoorri miidiyaalee olaanaadha
Mar 5, 2025 169
Guraandhala 26/2017(TOI)- Hawaasni hubannoo gahaa argatee hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu gochuuf shoorri miidiyaalee olaanaadha jechuun ibsan daarektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar Lalisee Namee. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi Abbaan Taayitaa Eegumsa naannoo Itiyoophiyaa waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee fi daarektarri olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo Itiyoophiyaa Injiinar Lalisee Namee waliigaltee kana mallatteessaniiru. Daarektarri olaantuu bbaa Taayitichaa wayita kana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa naannoo hirmaannaa ummataan alatti milkeessuuf rakkisaadha. Haala Kanaan haeaasni hubannoo gahaa argachuun hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu miidiyaaleen shoora guddaa akka qaban himaniiru. Guutuu biyyattiitti qaqqabamaa kan ta’ee fi madda oduu amanamaa kan ta’e tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf galma abbaan taayitichaa qabate milkeessuuf akka isa dandeessisu daarektarri olaantuu kun ibsaniiru. Inisheetiivota eegumsa naannoo fi Itiyoophiyaa qulqulluu ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabaman itti fufsiisuuf yeroo yeroon hojiilee hubannoo uuman hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Sosochiiwwan Itiyoophiyaa qulqulluu bakka hundatti qaqqabamaa taasisuuf TOI waliin hojjechuun bu’a qabeessa nutaasisa jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila duu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribeen gamasaaniin, TOI’n hojii eegumsa naannoo filmaattota garagaraan haeaasaan gahuuf cimee nihojjeta jedhaniiru. Qabiyyeewwan afaanota garagaraan dhiheenya jalqabeenmiidiyaalee biyyoota biroof qaqqabamaa taasisuun ergamni Abbaa Taayitichaa akka milkaa’uuf akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Hirmaannaa damee dhuunfa ijaarsa dinagdee marariisaa irratti cimuu qaba-Ministira karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa
Feb 21, 2025 217
Guraandhala 14/2017(TOI)- Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa cimee akka ittifufu Ministirri karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gaafatan. Woorkishooppiin ajandaa jijjiirama haala qilleensaa irratti hirmaannaa damee dhuunfaa Faayinaansiin walqabate cimsuuf akeekame Finfinneetti taa’amaa jira. Itiyoophiyaan waliigaltee Paaris dabalatee waliigalteewwan jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa fudhattee hojiirra oolchaa jirti jedhan ministirri Dr. Fitsum Asaffaa. Misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne karoora misoomaa muummee keessatti xiyyeeffannoon akka kennameef eeraniiru. Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti dameen dhuunfaa dammaqinaa fi adda durummaan akka hirmaatu gaafataniiru. Fakkeenyaaf jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti faayinaansii barbaachisu dhiheessuuf tumsa damee dhuunfaa fi mootummaa cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan inistiitiyuutii misooma magariisaa idil addunyaa Daani’eel Obonaayaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuushee dinqisiifataniiru. Itti aanaan barreessaa olaanaa mana maree daldalaa fi waldaalee damee Itiyoophiyaa Dr. Qananiisaa Lammii, dameen dhuunfaa pirojektoota misooma dinagdee magariisaa fi egeree eegumsa naannoof gumaacha taasisan irratti hirmaannaasa akka cimsu dubbataniiru.
Qormaata jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojii misooma Sululaa milkeessuun furmaata waaraadha
Jan 22, 2025 262
Amajjii 14/2017 (TOI) - Qormaata jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojii misooma Sululaa milkeessuun furmaata waaraa ta'uu Biiroon Komnikeeshinii Oromiyaa beeksise. Biirichi hojii misooma Sululaa ilaalchisee ibsa kenneera. Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera. Qormaatni jijjiirama qilleensaa Addunyaa keenya mudachaa jiru jiruu fi jireenya ilma namaa gaaffii keessa galchaa jira. Madaallin uumamaa jeeqamuu isaatiin qormaatawwan mudatanis to'annoo ilma namaatiin ala ta'uun addunyaan keenya gaaga'ama hamaaf akka saaxilamtu taasiseera. Libsuu ijaatiin taateewwan baramaa hin taane mudachaa jiraniin biyyootni dinagdeen badhaadhanii fi teeknoloojiin fagaatan yoo ta'anillee qolachuu akka hin dandeenye argaa jirra. Taateen baramoo hin taane kunneen ilma namaaf yaaddoo hamaadha. Kanaaf falli madaala uumamaaf xiyyeeffannoo kennuun itti fufiinsaan tiksuu qofaadha. Biyyootni , dhaabbilee fi namoonnis ofiif jecha dammaquun dhuunfaan, garee fi akka biyyaatti madaala uumamaa iddootti deebisuuf tarkaanfii irraa eegamu fudhachuun ajandaa boruuf bulfamuu hin qabnedha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoowwan jijjiirama qilleensaan mudachuu malan qolachuuf tarkaanfii haaraa sagantaa Ashaaraa magaariisaa Looreetii Nagaa Addunyaa fi Muummicha Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahmadiin maddisiifame hojiirra oolchuun Bona hojii Fizikaalaa fi Ganna hojii dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magariisaa gaggeeffameen injifannoon fakkeenyummaa qabu galmaa’uu danda’eera. Sagantaa Ashaaraa magariisaatiin galmoota akka Addunyaatti madaala uumamaa tiksuuf kaa'aman dursinee kan eegalle qofa osoo hin taane fakkeenyummaa olaanaa mul'isuun sadarkaa Idil Addunyaatti beekamtii fi badhaasa biyyaa fi hoggansa keenya gonfachiiseera. Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa; icciitiin qormaatota qolachaa injifannoo rogdaneessa galmeessaa jirruuf hoggansa olaanaa bifa tarsiima'aan haala Addunyaa beekee yaade karoorsu, waadaas gochaan dhugoomsuu fi uummata akka raajiitti hojjetee milkeessu qabaachuu keenyadha. Uummata keenya waamicha mootummaan isaa taasise fudhachuun hojii misooma sululaa irratti hirmaachuun qabatamaan mirkaneessee biyyaa fi biyyoo biyya abbaa isaatti ulfina guutuu deebisaa jiruuf mootummaan Naannoo Oromiyaa dinqisiifannaa olaanaa qaba. Kana malees, hoggansa, ogeessotaa fi qooda fudhattoota milkaa’ina hojii misooma suluulaatiif humnaa fi beekumsa isaanii osoo hin qusatiin tumsaniif galata guddaatu mala. Waggoota Ja'an darbe keessa Baddaa, Badda Daree fi Gammoojjiiwwan Oromiyaa keessatti lafa heektaara miliyoona hedduu misoomsuun dandaa’ameera. Waktii Bonaa hojiiwwan fiizikaalaa adda addaa hojjetamaa dhufee fi Gannas sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiloota dhaabamaa dhufaniin roobni akka lafa seenu taasifameera. Kanaanis Gaaronni mancaatiin hubamanii turan misoomuun dachaawwan goganii turanis mirgisuun bishaan kennuu eegalaniiru. Dhiqamni biyyoos hir'atee oomishaa fi oomishtummaan keenya dabaluu eegaleera. Uwwisni bosona Oromiyaa bara 2011 % 17 irra ture hanga bara 2016tti % 26.7 irraan ga'uun danda'amee jira. Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa: Boqonnaan hojii kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaa duula xiiqiitiin gaggeessaa jirru kun kan harka keenyaan mancaafne harkuma keenyaan yeroo itti deebisaa jirruu fi Oromiyaa jiituu ijaaruun ergama dinagdee magariisaa milkeessuuf bobbaanee hojiirra jiraachuu hunduu hubachuu qaba. Galmi isaas madaala uumamaa jeeqame sirreessuun Addunyaa jireenya ilma namaaf mijaawaa taate ijaaruudha. Hojiiwwan misooma sululaa waggoottan Ja'an darbe hojjetamaa dhufeen harki Ashaaraa dhalootaaf darbu hojjetee Addunyaa raajeffachiise injifannoo biraa dalaguun seenaa haaraa akka galmeessu shakkiin hin jiru. Hojii misooma sululaa bara 2017tiin sululoota, daagaawwan gosa adda addaa, istiraakcheroota jiidhina qusatanii fi kanneen jiidha yaasan kan hojjetaman yoo ta'u lafa mancaatiif saaxilame tuttuqaa namaaf beeladaa irraa bilisa taasisuu, hallayyaa hidhuu, daagaawwan suphuu fi hojiiwwan biroo dhimmoota ogummaan dabaalamanii xiyyeeffannoon hojjetamanidha. Hojiiwwan misooma sululaa waqtii Bonaa hojjetamu kana keessatti sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa waggaa 3ffaatiin biqiloota biliyoona 5 ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Biqiloota faayidaa damdaneessummaa qabanii fi wabii nyaataa mirkaneessuuf oolaniifis xiyyeeffannoo addaa kennuun kan hojjetamu ta'a. Hojichi beekumsaa fi hubannoon hogganamee seeraa fi sirna Gadaa hordofuun qe'ee qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota keenyaatti duulaan hojjechuu irraa gara aadeffannaatti ceesisuuf mootummaan kutannoon hojjeta. Uummanni keenya Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti hojii misooma sululaa duula xiiqii Amajjii 15\2017 labsamu keessatti qooda fudhachuun Oromiyaa akka misoomsitan waamicha dhiyeessaa qabeenya uumamaa eeguu, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun dirqama dhaloota har’aa ta'uu hunduu hubachuu qaba. Biiroo Komnukeeshiinii Oromiyaa Amajjii/2017 Finfinnee
Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaa qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa.
Dec 27, 2024 460
Mudde 18/2017(TOI)- Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaan qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa ta'u Abbaan Taayitaa Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa beeksise. Hubannoon Labsii Misooma, Bulchiinsaafi ittifayyadama bosona naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakkoofsa 257/2016rratti qooda fudhattootaafi Baalee Roobeetti kenname. Daarektarri ol'aanaan Abbaa Taayitaa Egumsa Naannoofi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Seeyfaddiin Mahdii akka jedhanitti tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaatti hojiirra oolaa jiru karaa giddugaleessa godhateen misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyi bosonaa gahee olaanaa qaba. Naannichatti misoomni bosona ittifufiinsa qabu akka jiraatu hojjachuun cinaatti sababa mancaatii bosonan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa mudachaa jiru xiqqeessuufis qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Itti aanaan daarekatara olaanaa Dhaabbata Bosonaafii Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Kadiir Niinoo naannichatti iddoolee hirmaannaa hawaasaatiin bosona kunuunsuun eegalametti mancaatiin bosonarra gahaa jiru xiqqaachaa jira jedhaniiru. Hawaasni naannawwaa bosonaa jiraatu bosona kunuunsuun waggoottan dabran gurgurtaa daldala kaarboonirraa qarshii miliyoona 450 ol arggachuusaanii eeraniiru. Ittigaafatamaan abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoofi Jijjiirama qilleensaa Godina Baalee Obbo Assagid Fallaqaa gamasaaniitiin mancaatii hafteelee bosona uumamaa godinichaarra gahu hambisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjetama jirachuu himaniiru. Dhaabbata Farm Afrikatti qindeessaan pirojektii FSDP Obbo Tilmoo Jamaa gamasaaniitiin carraaqqii mootummaan kunuunsa qabeenya umamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf taasisaa jiru milkeessuuf tumsaa jiraachuu eeraniiru.
Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise
Dec 2, 2024 716
Sadaasa 23/2017(TOI) - Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa, bulchiinsa misooma bosonaa cimsuun omishitummaa fi Addunyaa mijattuu uumuuf bara Faranjootaa 1993 kan hundeeffamee Dhaabbata Idil Addunyaati. Haaluma kanaan Addunyaa irratti lafa bosona waraqaan ragaa kennameef lafa hektaara miiliyoona irra jiru 150 ol bulcha jira. Sadarkaan Bulchiinsaa Bosonaa har’a ifoomse kunis damee bosonaan Itoophiyaa cimsuun qulqullinaa fi barbaadamummaa oomishaalee bosonaa gabaa Addunyaaf dhiyaatan kan guddisuudha jedhameera. Keessattuu dhiibbaa sirna ikoorra gahu hir'isuun qabeenyawwan akka bishaanii, kaarboonii, heddummina lubbu qabeeyyii fi kanneen biroo eeguuf ni gargara jedhameera. Itoophiyaan karoora biyyoota galii giddu galeessaa qaban keessaa tokko ta’uuf qabdu dhugoomsuuf bara 2025tti lafa bosonni irraa cirame dhume hektaara miiliyoona 15 deebistee bosonaan uwwisuuf hojjechaa jirti. Daarektarri Olaanaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa obbo Kabbadaa Yimaam uwisnni bosona Itoophiyaa dhibbeentaa 23.6 gahuu ibsaniiru. Sadarkaan bulchiinsa misooma bosonaa kun sirni bulchiinsa bosonaa cimaa diriirsuun cirama bosonaa hi'isuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Itoophiyaatti sirna bulchiinsaa fi to’annoo bosonaa cimaa uumuun omishaafi oomishtummaa akka dabalu himaniiru. Itoophiyaan eegumsa bosonaa cimsuu bira darbee qulqullinaa fi baay’inaan gabaa addunyaaf dhiyeessuun akka danda’amu kan taasisudha jedhaniiru.
Itoophiyaan qabeenya gabbataa humna haaromfamaa qabdu fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjecha jirti.
Nov 22, 2024 623
Sadaasa 13/2017(TOI) - Itoophiyaan qabeenya gabbataa humna haaromfamaa qabdu fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjecha jirti jedhan Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummata obbo Taaggasee Caafoo. Agarsiifinii fi Simpooziyeemiin idil addunyaa Itiyoo Giriin Moobiliitii 2024 har'a finfinneetti banameera. Sirna banisa agarsiisaa fi Simpooziyeemii kanarratti Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa Taaggasee Caafoo akka himanitti; dhiibbaa jijjiramni qilleensa sadarkaa idil addunyaatti uumaa jiru irra damdamachuuf misooma magariisaa amansiisaa fi itti fufinsa qabu uumuun barbaachisaadha. Itoophiyaan moobiliitii magariisaa deeggaruu kan danda'u qabeenya humna haaromaa gahaa qabachuu himanii; kana fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjechaa jirti jedhaniiru. Alaa galchitoota konkolaatota elektirikiif deeggarsi taasifamaa jirachuu eeranii kunis gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhaniiru. Faalamaa qilleensaa hiri'isuun hawaasa badhaadhe uumuuf imaammata baastonnii fi qaamolee qooda fudhatoota damichaa qindoominaan hojechuu qabu jedhaniiru. Ministirri Geejibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee gama isaaniin; geejibni magaarisaa qaama hojii Itoophiyaan dinagdee magaariisaa waaraa ta'e ijaaruuf hojechaa jirtuuti jedhaniiru. Finfinneen jiddugala dippilomaasii fi dinagdee taatee itti fufuuf hojii misooma magariisaa jalqabde gama geejiba magariisaan deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Agarsiifni qophaa'e hanga Sadaasa 20/2017'tti itti fufa.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015