Biqiltuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamu godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti qopheeffamaa jira

Ebla 18/2017 (TOI):-Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti biqiltuuwwan akaakuu garagaraa ganna dhufu Sagantaa ashaaraa Magariisaan dhaabamu qophaa’aa jiraachuu waajjiraalee qonnaa godinootaa beeksisaniiru.

Akka itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagaa Bahaa  Asfaaw Hambisaa ibsanitti, Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuu miiliyoona 544 ol godinicha keessatti dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

Waggoota darbanitti biqiltuu dhaabame irraa hawaasni fayyadamoo ta’uu hubachiisuudhaan, bara kana kana caalaa hojjechuuf qophiin taasifamaa jira jedhan.

Waajjirichatti gaggeessaan adeemsa hojii sululaa fi misooma bosonaa Obbo Dassaleny Bal’ataa, godinichatti sagantaa ganna bara kanaatiif biqiltuuwwan bosonaa, nyaata horii, fuduraalee fi biqiltoota biroo qophaa’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Itti Gaafatamaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godina Harargee Lixaa obbo Waasee Baqqalaa Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaaf baroota darban caalaa haala fooyya’aa ta’een qophiin taasifamaa jira jedhan.

Bara kanas biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 413 ol godinicha keessatti dhaabuuf qopheeffamaa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa miiliyoona 82 ol biqiltuu firii kan akka giishxaa, avokaadoo; maangoo akka ta’an ibsaniiru.

Lakkoofsi gosoota muka firii bara kana dhaabuuf karoorfame kan bara darbee miiliyoona 20 ol ta’uu agarsiisaniiru.

Biqiltuun firii waggaa waggaan godinicha keessatti dhaabamaa jiru galii qonnaan bulaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015