Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan deeggarsa namoomaa qabeenya ofiin guuttachuuf dandeettii uummachaa jirti-ambaasaaddar Dr. Shifarraawu Taklamaaram
Apr 1, 2025 35
Bitootessa 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa balaawwan uumamaa fi nam tolchee qaqqabaniif deeggarsa namoomaa qabeenya ofiin guuttachuuf hojiiwwan jalqabaman bu’aa fidaa akka jiran komishinariin hooggansa soda balaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Dr. Shifarraawu Taklamaaram ibsan. Itiyoophiyaan imalli qabeenya qabdutti fayyadamuun gargaaramuu jalaa bahuuf taasiftu milkaa’aa akka ture ambaasaaddarichi turtii TOI waliin taasisaniin dubbataniiru. Milkaa’inoonni sadarkaa biyyaatti sektara qonnaan galmaa’aa jiran balaawwan uumamaa fi namtolchee dandeettii ofiin damdamachuuf dandeessisu uumaa akka jiran kaasaniiru. Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guuttachuu fi gargaaramuu seenaa gochuuf waliigaluun boqonnaawwan qophii, raawwii fi ittifufsiisuutiin hojiitti galamuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya lafa qotamuu, bishaanii dabalatee nama baratee hedduu akka qabdu kaasaniiru. Kunis deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guuttachuuf akka dandeessisu eeraniiru. Galma biyyaalessaa milkeessuuf ummata miiliyoona 120 caalu waliin mari’achuun naannolee hundatti hojiitti galamuu kaasaniiru. Milkaa’inoonni gama qonnaan argamaa jiran hojiilee sodaa balaa dandeettii ofiin damdamachuuf jalqabaman gargaaraa akka jiran kaasaniiru. Itti dabaluunis imaammanni soda balaa hir’isuuf qophaa’e ragga’ee naannoleetti hojeeffamaa jira jedhan.
Itiyoophiyaan riifoormii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa kabachiisnii fi lammiileeshee fayyadamaa taasisan raawwatteetti
Apr 1, 2025 36
Bitootessa 23/2017(TOI)- Waggoottan jijjiiramaa darban Itiyoophiyaan riifoormii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa kabachiisnii fi lammiileeshee fayyadamaa taasisan raawwachuushee mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaan walitti qaba koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahaadii ibsan. Mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaan walitti qaba koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahaadii TOI waliin turtii taasisaniiru. Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa darbanitti riifoormii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa kabachiisnii fi lammiileeshee fayyadamaa taasisan raawwachuushee dubbataniiru. Riifoormii taasifameen hojiileen qajeelfamootaa fi imaammattoota hojmaataa, caaseffamaa, teeknooloojii, misooma qabeenya namaa sirreessuun hojjetamuu ibsan. Hojiileen jijjiiramaa hojjetaman caaseffamni Itiyoophiyaa madaaluu fi dhageettiishee guddisu uumuu akka dandeessise kaasaniiru. Itiyoophiyaan Waliigaltee Piriitooriyaa fi Ankaaraa dabalatee rakkooleen Afriikaa Afriikaanotaan akka furamu kutannoon argisiifte bu’aa dippilomaasii bilchina qabuuti jedhan. Imaammanni dhimma alaa Itiyoophiyaa isheerra darbee biyyoota ollaa akka fayyadu yaadamee bocamuusaa beeksisaniiru. Hariiroo gamlamee fi biyyoota hedduu biyyoota ollaa waliin jiru guddisuuf hojii hojjetameen gama dippilomaasiin milkaa’inni olaanaan galmaa’uu fakkeenya kaasaniiru. Itiyoophiyaan waltajjiiwwan biyyoota hedduun hirmaannaan qabaachaa turte miseensummaa BIRICS’tti akka galmooftu taasisuusaa yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf qabeenyashee akka hinfayyadamne dhiibbaan biyya alaa irratti taasifamaa turuu yaadachiisanii, waggoottan jijjiiramaa dippilomaasiitti fayyadamuun dhiibbaa jiru maqsuun danda’ameera jedhan. Keessumaa hammattoon tumsa sulula Abbayyaa akka mallatteeffamu Itiyoophiyaan adeemsa dippilomaasii bu’a qabeessa fayyadamuushee eeranii, ulaa galaanaa ilaalchisee karaa faayidaa biyyaalessaa kabajeen gaaffii dhiheessuushee himaniiru. Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensi koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa ambaasaaddar Diinaa Muftii gamasaaniin, jijjiiramni gama dippilomaasiin biyyattiitti adeemsifame milkaa’inni akka galmaa’u taasiseera jedhan. Keessumaa hariiroo biyyoota ollaa waliin jiru guddisuuf karaan deemame milkaa’aa akka turee fi hidha haaromsaa irratti hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Jijjiirama Bitootessa 24’n argame ummanni fayyadama misoomaa akka ta’u kan taasisedha
Mar 29, 2025 155
Bitootessa 20/2017 (TOI)- Jijjiirama Bitootessa 24’n argame ummanni fayyadama misoomaa akka ta’u kan taasise ta’uu namoonni yaada kennan ibsan. Bitootessa 24 sababeeffachuun naannoo Oromiyaatti sosochiin Ispoortii kutaalee garagaraa hirmaachise taasifameera. Sosochiin Ispoortii kun kan taasifame Bitootessa 24 guyyaa mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufee fi bu’urri hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi itti kaa’ame sababeeffachuuni. Sosochiin Ispoortii kun Magaalaalee Maayaa, Jimma, Mattuu, Gimbii. Naqamte, Ambo fi magaalaawwan naanno birootti akka ta’e beekameera. Sirna magaalaa Mayaarratti itti aanaan Af-yaa’ii caffee Oromiyaa Eliyaas Ummataa, bulchaan godina Harargee Bahaa adde Miskii Mahaammad, Kantiibaan magaalaa Mayaa Dr. Iifraah Waziir hooggantoonni olaanoo godinichaa fi bulchiinsa magaalichaa argamaniiru. Itti aanaan Af-yaa’ii caffee Oromiyaa Eliyaas Ummataa, jijjiirama Bitootessa 24’n argame fayyadama dinagdee ummataa kan guddisedha jedhan. Milkaa’ina hdha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf hawaasni deeggarsa jalqabe cimsee akka itti fufu wayituma kana waamicha taasisaniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu sagantaa Jimmatti taasifamerratti argamuun Imala inisheetiivota qonna naannoo fi misooma magaalaatti jalqabame itti fifsiisuuf nihojjetama jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaniin, walqabannee misooma si’achiisuun hiyyuma jalaa miliquu qabna jedhaniiru. Itti aanaan bulchaa godina Baha Booranaa obbo Taajuraa Odaa sagantaa Nagallee Booranaa irratti argamuun akka jedhanitti, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi bu’ura jiraachuu keenyaa ibsituu duudhaalee keenyaa tokkummaa fi tumsaa waan ta’eef qabeenya hunda keenyaati jedhaniiru. Ijaarsi hidha haaromsaa amma xumuramutti ummanni godinichaa deeggarsa akka itti fufu gaafataniiru. Hirmataan sosochii Ispoortichaa Caalaa gaddafaa yaada kenneen, dorgommii yaadannoo hidha haaromsaa seena qabeessaa kana mo’achuu kootti gammadeera jedhe. Faasituu Kookkoo gamasheetiin, Itiyoophiyaanonni yoo tokko taane bu’aa kanneen biroofillee ta’u galmeessisuuf dandeettii qabna jetteetti. Hirmaattota sosochii Ispoortii Mattuutti taasifame keessaa dargaggoo Taammiraat Asaffaa fi shamarree Ayyaantuu Tashoomaa , Bitootessi 24 bu’aa qabsoo waloo Itiyoophiyaanotaa, boqonnaan guddinaa fi Badhaadhina biyyaa mirkaneessu kan itti baname guyyaa seena qabeessa jedhaniiru.

Hawaasummaa
Itiyoophiyaan deeggarsa namoomaa qabeenya ofiin guuttachuuf dandeettii uummachaa jirti-ambaasaaddar Dr. Shifarraawu Taklamaaram
Apr 1, 2025 35
Bitootessa 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa balaawwan uumamaa fi nam tolchee qaqqabaniif deeggarsa namoomaa qabeenya ofiin guuttachuuf hojiiwwan jalqabaman bu’aa fidaa akka jiran komishinariin hooggansa soda balaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Dr. Shifarraawu Taklamaaram ibsan. Itiyoophiyaan imalli qabeenya qabdutti fayyadamuun gargaaramuu jalaa bahuuf taasiftu milkaa’aa akka ture ambaasaaddarichi turtii TOI waliin taasisaniin dubbataniiru. Milkaa’inoonni sadarkaa biyyaatti sektara qonnaan galmaa’aa jiran balaawwan uumamaa fi namtolchee dandeettii ofiin damdamachuuf dandeessisu uumaa akka jiran kaasaniiru. Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guuttachuu fi gargaaramuu seenaa gochuuf waliigaluun boqonnaawwan qophii, raawwii fi ittifufsiisuutiin hojiitti galamuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya lafa qotamuu, bishaanii dabalatee nama baratee hedduu akka qabdu kaasaniiru. Kunis deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guuttachuuf akka dandeessisu eeraniiru. Galma biyyaalessaa milkeessuuf ummata miiliyoona 120 caalu waliin mari’achuun naannolee hundatti hojiitti galamuu kaasaniiru. Milkaa’inoonni gama qonnaan argamaa jiran hojiilee sodaa balaa dandeettii ofiin damdamachuuf jalqabaman gargaaraa akka jiran kaasaniiru. Itti dabaluunis imaammanni soda balaa hir’isuuf qophaa’e ragga’ee naannoleetti hojeeffamaa jira jedhan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Mar 29, 2025 194
Bitootessa 20/2017 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru. Ergaan dabarsan guutummaansaa akka armaan gadiitti dhihaateera- Baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe “Iid Al Faxir” ayyaana soomni ramadaanaa itti xumuramudha. Iid Al Faxir ayyaana “galataa, tola ooltummaa fi obbolummaati”. Iid Al Faxir ayyaana soomii baatii tokko booda dhufudha. Soomiin kun dadhabbii namaa,humna dhabuu fi ammasaa kan agarsiisudha. Umaan yoo isa hingargaarreen ala humni namaa murtaa’aa ta’uu agarsiisa. Oftuuluun, quufnii fi hammeenyii dadhabaa namaa irratti biqiluunsaanii nama ilaaleef diinni namaa amala mataasaa ta’uu barata.namni bara jireenyasaa keessatti kanneen biraa bulchuuf amma dhama’e ofbulchuuf hindhamaane. Qormaanni har’a biyya keenya keessatti arginu irra caalaan qormaata ofbulchuu dhabuurraa dhufudha. Namni ofhinbulchine humnasaa hinbeeku. Keessa ofii hin ilaalu. Diinasaa amalasaa keessaa barbaaduu manna, diinasaa ollaadhaa barbaada. Kanarraa ka’uun lammiisaa waliin faallaa jiraata. Waqtiiwwan akka Ramadaanaa keessa ofii ilaaluuf nifayyadu. Namoonni keessa ofii ilalan galanni isaaniif maallaqa. Namni amma ofii yoo hinbeekne kanneen biroo hingalateeffatu, kanneen biraa hindinqisiifatu. Dhimma kanneen Kanneen biroo yoo hinhubanne kan qabu hinbeeku, hindinqisiifatu. Diinnisaa amalumasaa ta’uu yoo hinhubanne, nama biraa hinjaalatu. Kanaafi xumurri soomichaa, ayyaana galataa Iid Al Faxiir kan ta’e.Soomni kun maatiirraa eegalee amma hawaasaatti adabachuun walgahuuf nigargaara. Walgahuun miirarraa kan bahe, tasgabbaahuu fi adabachuu ofkeesa qaba. Marii biyyaalessaa keenya duudhaa kana osoo gonfatee nifayyadamna. Mari’achuun qofti hinfayyadu. Miira keessaa bahuum, tasgabbaahuun morodamee, boru ilaaluun mari’achuu. Yoo kana ta’e akkuma Iid mariin keenya xumurrisaa galata ta’a. Duudhaan Iid kan biraan tola ooltummaadha. Harka qalleeyyii, kanneen haalli hinguunneef tola ooluu. Firummaa, sanyii ykn amantaa osoo hin ilaaliin namni nama ta’uusaa qofaan gargaaruu. Gargaarsi soomii guutuu kan ta’u tola oolummaan yoo itti dabalamedha. Tola ooltummaa jechuun kan ofiirraa hir’isuun kan biroof guutuudha. Akka biyyaatti itti fufuu fi akka ummataatti walitti hidhachuuf tola ooltummaan duudhaa baay’ee barbaachisaadha. Aka ofiitti kan biraas ilaaluu. Hir’ina kanneen biroo guutuuf jecha kan ofii dhabuu. Lammiin koo maaf gadda? Maaf lammii koo garaan hammaata? Jechuun quuqamuu. Hundi keenya faayidaa fi mirga firoota keenyaa kabachiisuun qofa biyya ijaaruu hindandeenyu. Walitti hidhamiinsi keenya firoottan keenyarra darbee, miidhaa fi qormaata kanneen biroo qooddachuu barbaachisa. Manni nama biraa kan guutu wayita manni koo guute miti. Mannisaa guutuu yoo ta’udha manni kook an guutu. Dirreen siyaasaa keenya duudhaa keenya durii kanarratti yoo hinbu’uureffamne haqa qabeessummaa fi walqixxummaan buusuuf nirakkanna. Duudhaalee lamaan kana kan walitti hidhu duudhaan Iid ‘Obbolummaadha.” Obbolummaa jechuun duudhaa waloo, walii tumsuu fi michooma galma waloorratti hundaa’edha. Michoomni kun naamusaan kan sorore, jaalalaa fi tokko kan biraaf dhaabachuu irratti hundaa’a. Itigaafatama waloo nifudhata. Jireenya siyaasaa biyya keenyaa keessatti duudhaan bayyee barbaachisu, garuummoo kan dagatame kana. Mirgas ta’e dirqama ija obbolummaan ilaaluun dubbicha qaamatti dhihoo taasisa. Anaaf kan jedhu jalaa baasee nuyiif, Nuyiif kan jedhu keessaas baasee “isaa fi nuyiif”, isaa fi nuyiif kan jedhu jalaallee baasee “ nutti haa ha fu, isaaf haata’u” gara jedhutti geessa. Amantaalee, paartilee siyaasaa, haeaasaalee fi hayyoota jidduutti walooma fooyya’aa kan uumu obbolummaadha. Waldeeggaruu, walbeekuu fi waliigaluu caalmaa qabu uuma. Duudhaan Kan biroof jecha dhiisuu, kan biraaf jecha fudhachuu,kan biraaf jecha miidhaaleef beekamtii kennuu kan argamsiisu obbolummaadha. Ayyaanni Iid duudhaa isa tokko kan ta’eef kanaafi. Duudhaalee Iid kanneen yaadachaa, gabbisaa fi ijaarsa biyyaaf fayyadamaa akka kabajnu waamichan dhiheessa. Maatiin, olloonni hawaasonni fi abbootiin amantaa wayitii walgahan duudhaaleen Iid kunneencaalaatti akka mul’atanii fi hawaasni akka ittiin ijaaramu akka taasisanin adaraa jedha. Iid Mubaarak! Itiyoophiyaan carraaqii ilmaansheen kabajamtee bara baraaf haa jiraattu! Rabbiin Itiyoophiyaa fi ummatashee haa eebbisu! Bitootessa 20 bara 2017
Diinagdee
Waggoottan jijjiiramaatti sirna daldalaa si’achiisuun fi dhiheessii guddisuun amma qaal’ainsa gatii fooyyessuun danda’ameera-Ministira Dr. Kaasahun Goofee
Apr 1, 2025 27
Bitootessa 23/2017(TOI)-Mootummaan jijjiiramaa sirna daldalaa si’achiisuun fi dhiheessii guddisuun amma qaal’ainsa gatii fooyyessuun danda’amuu ministirri qaxanaa fi walitti dhufeenya riijinii Dr. Kaasahun Goofee ibsan. Ministirichi turtii TOI waliin taasisaniin, adeemsi jijjiiramichaa sektara hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa kaleessa ija badiin ilaaluu osoo hinta’iin idaas mindaas gochuun nihubata. Damee daldalaan qormaannii fi carraaleen dalda biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas qulqullina mirkaneessuun turan sakatta’amaniiru jedhan. Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf dogoggora sirreessuu f cimina itti fufsiisuun bu’ura jijjiiramaa ta’uu eeranii, baay’inaa fi dandeettii dorgommii fooyyessuun rakkoo furuurratti dandeettii gabbataa ijaaruun akka danda’ame ibsaniiru. Sirna daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf hojmaatileen fooyya’uu eeranii, haala eyyamni daldalaa itti kennamu gabaabsuun milkaa’uun akka danda’ame dubbataniiru. Appilikeeshinii sirni galmee eyyama daldalaa onlaayinii hojjechuun tajaajilamtoonni mana isaaniitti keessummeeffamuu akka danda’an taasifamuu eeraniiru. Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun oomishaalee bu’uraa dabalatee dhiheessii fooyyessuuf hojjetamuu ibsaniiru. Keessumaa sagantaan maaddii guutuu yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin eegalame oomishaa fi oomishtummaa magaalaatti guddisuun dhiheessii oomishaa fooyyessuun danda’ameera jedhaniiru. Dhiheessii oomishaa guddisuurra darbee hawaasa daldalaa irratti sirna to’annoo cimaa diriirsuun daballii gatii hinmalle to’achuuf tarkaanfiinfudhatamuu ibsaniiru. Haala Kanaan daballiin gatii Itiyoophiyaa kan biyyoota biroon wal bira yoo qabamu sadarkaa fooyya’aarra akka jiru dubbataniiru.
Dureeyyiin Ameerikaa jarraa gaarii dameelee Invastimantii garagaraan Itiyoophiyaatti uumame akka fayyadaman gaafatame
Apr 1, 2025 41
Bitootessa 23/2017(TOI)- Dureeyyiin Ameerikaa jarraa gaarii dameelee Invastimantii garagaraan Itiyoophiyaatti uumame akka fayyadaman Ameerikaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Binnaalf Andu’alam gaafatan. Ambaasaaddar Andu’alam magaalaa Morgantawun kan west Verjiiniyaatti argamtu daawwataniiru. Daawwanichi daldalaa fi Invastimantii,barnootaa fi qu’annoo, teeknooloojii fi Innoveeshinii, hubannoo namtolchee akkasums aadaa walii qooduurratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Waashiingita Diisii nimul’isa. Itiyoophiyaan yeroo dhihoo asitti riifoormii dinagdee guutummaatti hojiirra oolchaa jirtu ilaalchisuun ambaasaaddar Binnaalf oomishtootaaf ifa taasisaniiru. Invastaroonni Invast gochuuf Itiyoophiyaa dhufaniif yeroo kamiyyuu caalaa haalli mijataan akka jiru ibsaniiru. Ameerikaanota filmaattota Invastimantii garagaraa Itiyoophiyaan qabdu ilaaluuf Itiyoophiyaa dhaqaniif embaasichi deeggarsa barbaachisu akka taasisu himaniiru. Dinagdeen gamattis sektara barnootaan walitti dhufeenya uumuun Baayoo Teeknooloojiin, Fayyaa hawaasaa fi sektaroota Kanaan walqabataniin sagantaalee walii qooduu fi tumsa waloo taasisuuf hooggansa boordii fi miseensota Yuunivarsiitii Weest verjiiniyaa waliin yaada walii qoodaniiru. Daawwanichi walumaa gala gama Invastimantiin filmaattota Itiyoophiyaan qabdu beeksisuun akka danda’ame beekameera. Sektara barnootaan dhaabbileen Weest Varjiiniyaatti argaman dhaabbilee Itiyoophiyaatti argaan waliin walitti fiduun tumsa cimsuuf carraa mijataa uumuusaa embaasichi beeksiseera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa 2025 Caamsaa dhufu Finfinneetti taa’ama
Mar 26, 2025 101
Bitootessa 17/2017 (TOI)- Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa Itiyoophiyaa 2025 Caamsaa 8 bara 2017 irraa eegalee guyyoota sadiif giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti ni’adeemsifama. Eksipoon tumsa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo fi Inistiitiyuutii hubannoo namtolcheen qophaa’u kun Baha Afriikaatti taatee Teeknooloojii isa guddaa ta’uun ibsameera. Eksipoo kana ilaalchisuun daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid fi daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Injiinar Warquu Gaachanaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid akka jedhanitti, Eksipoon kun milkaa’inoota Itiyoophiyan cehumsa dijitaalaan galmeessifte addunyaaf beeksisuuf kan akeekamedha. Nageenyi Saayibarii, Hubannoon namtolchee, nageenyi faayinaansii, Smaart Siitii fi barumsi teeknooloojii qabxiilee xiyyeeffannoo Eksipoo kanaa ta’uu dubbataniiru. Eksipoo dameewwan xiyyeeffannoo shanan bakka tokkotti qabate waan ta’eef baha Afriikaatti taatee teeknooloojii guddicha ta’uu eeraniiru. Namoonni kuma 10 caalan Eksipoo kanarratti akka argaman ibsanii, kana cinaatti walgahiiwwan, Egzibiishiniin, Simpooziyeemii fi dorgommiiwwan akka taasifaman eeraniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa gamasaaniin, Eksipoon kun Itiyoophiyaan teeknooloojiishee addunyaaf kan itti beeksiftu, akkasumas addunyaarraa kan itti barattu waltajjii Teeknooloojii ta’uu ibsaniiru. Kessumaa sektarri dhuunfaa bal’inaan akka hirmaatan gochuun dirreen muuxannoo itti waliif qoodan ni’uumama jedhan. Eksipoon kun imala dijitaalaayizeeshinii ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin kan walsime ta’uu ibsanii, dorgommiin hubannoo namtolchees akka taasifamu dubbataniiru.
Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii itti nifufu-Ministira Mufarihaat Kaamil
Mar 25, 2025 99
Bitootessa 16/2017(TOI)- Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Ministeeri hojii fi ogummaa fi Hayibiriid diizaayin (Raayid) kalaqa, carraa hojii fi misooma ogummaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Walii galtichi namoota hedduuf carraa hojii kan uumuu fi waggoota shaniif akka turu beekameera. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil wayita kana akka jedhanitti, mootummaan carraa hojii uumuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu waliin hojjechaa jira.   Adeemsa Kanaan qoonni sektarri dhuunfaa qabu bakka bu’aa kan hinqabne waan ta’eef carra hojii uumuurratti hojiileen tumsaan hojjetaman akka jiran ibsan. Waliigalteen Haayibiriid Diizaayin waliin irra gahame damee teeknooloojiitiin dargaggoota, dubartootaa fo qaama miidhamtoota hedduuf carraa hojii uumuu akka danda’u eeraniiru.   Hundeessituu fi hojii raawwachiiftuun Haayibiriid Diizaayin(Raayid) Saamiraawit Fiqruu gamasaaniin, dhaabbannisaanii sektara teeknooloojii geejjibaatiin namoota kuma dhibba ta’aniif carraa hojii uumaa akka jiru ibsaniiru. Waliigaltichi dameen tajaajila geejjiba teeknooloojii gumaacha carraa hojii uumuuf qabu guddisuuf kan akeekamedha jedhaniiru. Haala Kanaan Haayibiriid Diizaayin Raatyidiin ala pirojektoota biroo bocuun namoota hedduuf carraa hojii akka uumu eeraniiru.
Namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa jiru
Mar 25, 2025 109
Bitootessa 16/2017(TOI)-Sadarkaa biyyaalessaatti namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa akka jiran ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii beeksise. Kanneen leenjicha xumuran kuma 180 caalan waraqaa raga argachuusaanii ministeerichi beeksiseera. Sagantichi pirojektii tumsaa Itiyoophiyaa fi deeggarsa Emereetota Arana Gamtoomaniin kan gaggeeffamu ogummaa hojii dijitaalaa kan guddisudha. Pirojektichi yaadama “dhaloonni haabaratu,dhaloonni haa leenji’u, addunyaa waliin haa dorgomu” jedhuun namoonni beekumsa isaanii gabbifachuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa fi ga’oomaa akka ta’an hojiirra oolaa jira. Sagantichi waggoota sadan dhufan dargaggoonni miiliyoona shan weeb pirogiraamiingii, Andirooyidii hojjechuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolchee irratti ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka horatan nidandeessisa. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti de’eetaan ministiraa damee Ayisiitii fi dinagdee dijitaalaa Dr. Yishuruun Alamaayyoo TOI’tti akka himanitti, sagantichi ogummaa dijitaalaa guddisuuf nidandeesisa. Namoonni kuma 580 caalan galmaa’anii leenji’aa yoo jiran kanneen keessaa kuma 180 kan ta’an leenjii xumuranii waraqaa raga argachuusaanii ibsaniiru. Raawwiin leenjii kun Finfinnee, Dirree Dawaa fi Hraritti fooyya’aa ta’uu eeraniiru. Sagantaa kana milkeessuuf naannoleen biroo xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Deeggarsi barbaachisu akka taasifamus dubbataniiru. Leenjichi hojii kalaqaa jajjabeessuuf kan gargaaru waan ta’eef dargaggoonni carraa kanatti fayyadamanii of ga’oomsuu akka qaban himaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun alatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa jirti
Mar 18, 2025 183
Bitootessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun oomishtummaa Bunaa guddisuun cinaatti ijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa akka jirtu ministirri qonnaa Girmaa Amantee ibsan. Abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa mootummaa Xaaliyaanii fi Baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun liqii qaamolee oomishtoota, dhiheessitootaa fi damee kanarratti hirmaataniif deeggaruu dandeessisu ifoomseera. Mootummaan Xaaliyaanii damee liqii yeroo dheeraa keessatti deebi’u Yuuroo miil. 10 kan eeyyame yoo ta’u liqii argame Baankiin daldala Itiyoophiyaa bulchuuf itti gaafatama nibaha. Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee wayita kana akka jedhanitti, walitti hidhata galtee oomisha bunaa Itiyoophiyaa keessdatti abbootii fi haadholiin warraa miiliyoona 5 caalan nihirmaatu. Guddina hawaasummaa fi dinagdee Itiyoophiyaaf oomishnii fi oomishtummaa Bunaa guddisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Walitti hidhata galtee oomisha Bunaa irratti faayinaansiin rakkoo tokko ta’uu eeranii, liqiin mootummaan Xaaliyaanii taasise kun qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa biiliyoonaan dhaabuushee eeraniiru. Kanaanis oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuun dinagdee deeggaruun cinaatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora guddaa taasisaa akka jirtu dubbataniiru. Daarektarri ejensii tumsa misoomaa Xaaliyaanii Maayikil Moraanaa mootummaan Xaaliyaanii walitti hidhata galtee misooma Bunaa Itiyoophiyaa deeggaruuf fedhiin agarsiise ibsituu kutannoo misooma waloo biyyoota lamaanii ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aa ibsituu walooma Itiyoophiyaa fi Xaliyaanii ta’uu ibsanii, cehumsa qonna Itiyoophiyaaf bu’ura kaa’uuf tumsi keenya cimee itti fufa jedhaniiru. Pirezidaantiin Baankii daldala Itiyoohiyaa Abbee Saanoo gamasaaniin, oomisha bunaa Itiyoophiyaa guddisuuf oomishuurraa eegalee amma gabaa bahutti bu’aa bahii keessa akka darbu ibsaniiru.
Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominnii fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2025 149
Bitootessa 09/2017(TOI)-Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaa fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ibsameera. Workishooppiin adeemsa raawwii hojii Pirojektii 'ECOSAVE' xiinxalurratti fuulleffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffameera. Pirojektichi dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota 'ikoo rijinii' Baalerra gahaa jiru qorannoon adda baasuun fala kaa'urratti xiyyeeffachuun ibsameera. Pirojektichas dhaabbata ‘WaterAid, MELCA-Ethiopia’fi Yunivarsiitii Madda Walaabuu qindoominaan geeggessaa jira. Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii fi qorannoo Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi tajaajila hawaasaa irratti fuulleffatee hojjachaa jiraachuu woorkishooppicharratti dubbataniiru. Keessattuu Yunivarsitichi qorannoolee hojiilee qonnaa, fayyaa, qabeenya uumamaa, heddumina lubbu qabeeyyotaaf dursa kennuun irratti hojjachaa jiraachuus eeran. Qorannoon qindaawaan dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qoodafudhattoota wajjiin hojjatamaa jirus agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta'uus kaasan. Dhaabbata ‘WaterAid'tti’ qindeessaan sagantaalee Obbo Gabree Ballaxaa gamasaaniitiin dhaabbatichi waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu himan. Hojirra oolmaan Pirojektii 'ECO SAVE's hawaasa aanaa Barbaree kuma 20 caalaniif bishaan dhugaatii obaasuuf hojiin danddeesissu hojjatamaa jiraachuu akeekan. Qorattoonni Yunivarsiitichaa gamasaaniitiin dhiibbaa qabeenya umamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota naannoo ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qindoominaa fi tumsi qoodafudhattootaa daran cimuu akka qabu dhaaman. Keessattuu Hwaasni adeemsa jiruu injifachuuf taasisu keessatti dhibbaa qabeenya umamaarraan gahaa jiru akka xiqaatuuf hojiileen jiruu hawaasaa fooyessuurratti fuulleffatan xiyyeeffannoo arggachuu akka qabanis akeekan. Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa gara gammoojjii dabaluu, maddoota bishaanii fi bosona naannoo sanaa kunuunsuun tooftaawwan dhiibbaa mul'atan xiqqeessuuf eeraman keessaa ta'uunis barameera. Bulchaan Aanaa Barbaree Obbo Ahmaddiin Muhammad gamasaaniitiin pirojektichi hojiilee qindaawaa kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti hojjatamaa turan qorannoon deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf kan tumsu waan ta'eef qoodafudhattoota galateeffataniiru.
Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu jalqabamuufi
Mar 8, 2025 284
Guraandhala 29/2017(TOI)፡- Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu mata duree “Itiyoophiyaa qulqulluu fi ashaaraa magariisaa aadaa godhachuu” jedhuun jalqabamuufi. Sosochiin marsaa lammaffaa kun hawaasni akaakuuwwan faalama naannawaa hubatee ofeeggannoo akka taasisu hubannoo uumuuf akka ta’e ibsameera. Daarektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar Lalisee Namee turtii Tajaajila oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka ibsanitti, naannawa eeguu fi kunuunsuun ittigaafatama hawaasa hundaati. Hawaasni akaakuuwwan faalamaa sirriitti adda baasee ittisuun qoodasaa akka bahatu hojiileen hubannoo uumuu murteessaa ta’uu ibsaniiru. Sosochii faalama dhaabuu dhiheenyatti ifoomuu fi baatii jahaaf turuun faalama ilaalchisuun hojiileen hubannoo uumuu akka hojjetaman eeraniiru. Seera faalama Pilaastikaa ittisuuf bahaa jiru hojiirra oolchuuf oomishtootaa fi fayyadamtootaaf hubannoo gahaa uumuun barbaachisaadha kan jedhan daarektarri olaanaa kun baatiin jalqabaa faalama pilaastikaa irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Kanneen balaafamoodha jedhaman dabalatee akkaataa balfa gogaan itti dhabamsiifamu irratti kutaaleen hawaasaa fi dhaabbileen hundi qoodasaanii akka bahan akka hubatan nitaasifama jedhaniiru. Faalama sagalee ittisuuf hedduu hojjechuun akka barbaachisu ibsanii, kana sirreessuuf hawaasa waliin ta’uun bal’inaan akka hojjetamu himaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen eegumsa biyyoo fi Bishaanii murteessaa ta’uu ibsanii, nageenyaa biyyoo fi Bishaanii irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Faalama qilleensaa ittisuuf humna haaromfamutti fayyadamuun murteessaa ta’uu ibsanii, hojiileen gama Kanaan jalqabaman akka itti fufan nitaasifama jedhaniiru. Kanneen Seera dhaabbileen mootummaas ta’e dhuunfaa qorannoo naannawaa fi hawaasummaa osoo hintaasisiin pirojektoota akka hin eegalle taasisu hinkabajne akka adabaman dubbataniiru. Gama Kanaan hojiin hubannoo uumuu sadarkaa biyyaalessaatti akka hojjetamu eeraniiru. Sosochiin faalama dhaabuu marsaa jalqabaa mata duree “ faalamni haadhaabatu, miidhaginni haadammaqu” jedhuun Ebla 1 bara 2016 amma Fulbaana 30 bara 2017tti taasifamuun niyaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 9649
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015