Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata. - ENA Afaan Oromoo
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru.
Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera.
Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.