Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaaf xaa’oon kuntaalli Miliyona 5 tuqaa 5 Yuuniyeenii  Waldaa Hojii Gamtaa qaqqabeera
Apr 25, 2025 55
Ebla 17/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Omisha bara 2017/18 Qonna gannaaf kan oolu xaa’oon kuntaalli miliyeena 5 tuqaa 5 Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa qaqqabuu Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Naannichaa ibseera. Naannichatti Itti Aantuun Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Aadde Hinseenee Mahaammed TOIf akka ibsanitti, naannichatti Xaa’oon haala karoorfameen qaqqabaa jiraachuu himaniiru. Bara kan Xaa’oon yeroon gahuun, raabsi isaa sirnaan raawwatamaa jiraachuu ibsuun , xaa’oon barana dhihaate kan bara darbee yeroo kanaa waliin yeroo madaalamu kuntaala miliyena 2 caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana xaa’oo Kuntaala Miliyoona 10 tuqaa 5 dhiheessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli Miliyoona 5 tuqaa 5 Yuniyeenotaa fi Waldaalee qaqqabuu ibsaniiru. Yuuniyeenotaa fi Waldaalee Hojii Gamtaa Xaa’oo qaqqabe keessaa kuntaala kuma 800 ol kan ta’u Qonnaan bulaaf raabsamuusaa dubbataniiru. Naannichatti Qonni gannaa bakka dursee eegalutti dursa kennuun raabsamaa kan jiru yoo ta’u, haala Rabsaa Fooyyesuuf yero yerootti gamaggamni gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti xaa’oo dhiyaate guutummaatti Qonnaan bulaa qaqabsiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin hojjetamu cimuu akka qabu ibsaniiru. Adeemsi gurgurtaa Dijiitalaan ta’uu kaasanii, kunis Al-seerummaa raabsa xaa’oo ittisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Naanichatti bakka hundatti gurgurtaan xaa’oo dijiitaalaan raawwachuuf haala fooya’een qooda fudhattoota waliin kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga-Ministira Dr. Alamuu Simee
Apr 24, 2025 63
Ebla 16/2017 (TOI)- Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga jedhan Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alemu Sime. Fooramiin Aviyeeshinii Ityoophiyaa jalqabaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira. Ministirri Geejjibaa fi loojistikii Dr Alemuu Simee, Ministirri Turizimii Salaamaawit Kaasaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ityoophiyaa Geetachoo Mangiste, hoji gaggeessaa olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasoo fi qooda fudhattoonni biroo foramicharratti argamaniiru. Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alamuu Simee, wayita kana akka jedhanitti; Itiyoophiyaan Aviyeeshinii Afriikaa amansiisaa,, fulla’aa fi walitti hidhamiinsa qabu uumuuf hojjechaa jirti. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti toora bakkeewwan geejjibaa guddaa fi adda addaa kan qabu ta’uu eeranii, kunis ardiilee walitti fiduuf kutannoo qabu kan agarsiisudha. Riijinii Daldala Walabaa Ardii Afriikaa mijeessuuf walitti hidhamiinsa qilleensaa cimsuun murteessaa ta’uus hubachiisaniiru. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Loome, Liilongiwee fi Kisanganiitti babal’achuu ibsaii, kanaanis Paan Afriikaan kutannoo agarsiisuu isaa ibsaniiru. Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa akka jedhanitti, turizimiin dameewwan mootummaan jijjiirama waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo itti kenne keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Damee turizimii guddisuuf dameen Aviyeeshinii murteessaa ta’uu ibsuun, walitti hidhamiinsa Afriikaa keessatti cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasaaniin waltajjiin kun dhimmoota induustirii aviyeeshinii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi kanneen kana fakkaatan misoomsuuf Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti mari’atamuu danda’an irratti ni mari’ata jedhaniiru.
Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Marsaa 3ffaan gaggeeffamaa jira
Apr 24, 2025 45
Ebla 16/2017)- Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 3ffaan Finfinnee Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti gaggeeffamaa jira. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministeerrii qonnaa Dr. Girmaa Amantee, sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa dabaltee qaamoleen qooda fudhatoonni biroon Walgahiin kana irratti hirmaacha jiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa haasaa sirna banisa walgahicharratti taasisaniin; Jalqaba kaayyoon manni marichaa hundaa'ee haalli qabatama yeroo ammaa qonni ittiin geggeeffamu duubatti hafaa waan ta'eef oomishaa fi oomishitummaa dachaan dabaluuf haala jiru keessaa baasuun qonna ceesisuun murteessa ta'uu yaadameetu jedhaniiru. Manni maree kun damee qonnaa ammayyeesuuf dhimmoota gargaara irratti hojii gorsaa, qindeesuu, rakkoowwan jiran adda baasuun furmaata akka argatan taasisuu hojjecha jiraachuu obbo Addisuu Araggaa himaniiru. Haaluma kanaan hojiiwwan waggoota 4'n darban hojjetameen galmoota misooma baadiyyaa milkeesu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru. Hojii kanaan wabii nyaata mirkaneesuun eeggatummaa jalaa bahuuf hojii gama ce'umsa qonnaan hojjetameen oomishaalee kanaan dura alaa galan kanneen akka qamadii gabaa alaatti erguun jalqabamuu himaniiru. Oomishaalee biyya alaa galan kan biyya keeessaan bakka buusuu, oomishaalee gabaa alaaf dhihaataan dachaan dabaluu irrattis hojii hojjetameen milkaa'inni olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Hojii qonna ammayyeesurrattis hojjetameenis ce'umsi qonna Oromiyaa jijjirama guddaa fidaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis Oromiyaatti lafti tiraakteraan qodamu kan kanaan duraa caalaa dachaan dabaluu himaniiru. Hojiin qonnaa ammayyaa'aa deemuun isaa immoo hirmaannaan dargaggoonni hojii qonnaarratti qaban akka dabalu taasisuu ibsaiiru. Walgahii mana maree tiraansfoormeeshinii qonna Oromiyaa kanaanis milkaa'inoota hanga ammaa argaman cimsuun haala danda'amuu fi galmoota hafan milkeesuuf hojii hojjetamuu qaburratti bal'inaan ni mari'atama jedhaniiru.
Dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf madaallii kamiinuu gaaffii bu’uuraa Biyyaa fi Uummataati
Apr 24, 2025 19
Ebla 15/2017 (TOI)- Dhimmi hulaa galaanaa Itiyoophiyaa ulaagaa kamiiniyyuu gaaffii bu’uuraa biyyaa fi ummataarratti kan hundaa’e ta’uun ibsame. Addunyaa irratti biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne akka seera addunyaatti haala kennanii fudhachuun,fi filannoowwan birootiin fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uun isaanii ni yaadatama. Biyyoonni Walii galtee gamlamee, riijinii fi Ardiidhaan gaggeessuun fayyadamaa ulaa galaanaa ta’uun faayyadamummaa guddina waliinii godhan baay’eedha. Fakkeenyaaf Afgaanistaan, paakistaan waliin, biyyi laatiin Ameerikaan, voliviya peeruu waliin walii galuun fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uu danda’aniiru. Galaana Diimaa irratii fageenya dhi’ootti kan argamtu Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan qabdu turte, mudannoo seenaatiin dhihootti akka ilaaltu taateetti. Yeroo ammaa kana Mootummaan Itiyoophiyaan fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uu qabdi ejjennoo jedhuun tattaaffii dippiloomaasii itti fufee jira. Tattaaffiin Dippiloomaasii Itiyoophiyaan gochaa jirtu fudhatama argachaaa jira. Dhimma kana irrati TOIn kan dubbise barsiisonni Yuunvarsiitii Jiinkaa dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaa madaallii kamiiniyyuu gaaffii bu’uuraa biyyaa fi uummataa ta’uu kaasaniiru. Barsiisaan dhimma Lammummaa fi naamusaa Yuunvarsiitichaa kan ta’an Misikkir Katamaa dhimmi balbala galaanaa waggoota dheeraaf osoo hin ka’iin turuun faayida biyyoolessaa dagateera jechuun kaasaniiru. Mootummaan jijiiramaa gaaffii hulaa galaanaa kaasuun, dantaa biyyaaf dhaabbachusaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Tattaaffii motummaan ulaa galaanaa argachuuf taassisu hundi keenya deeggaruuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniru. Gaaffii uulaa galaanaa Itiyoophiyaa, Hayyoonni, Namoonni bebbeekamoon, Miidiyaan Hawaasaa namoonni dhageettii qaban dhimma kana Ajandaa godhachuu qabu jedhaniiru. Haaluma walfakkatuun Yuunvarsiitichatti, Barsiisaan Seenaa fi hambaa Wandimmaageny Nagaash, Itiyoophiyaan mudannaa seenaatiin ulaa galaanaa dhabuunshee hunda keenya gaabbisiiseera jedhaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa ta’uu kaasuun milkaa’ina deebiisaatiif hunduu gamtaan dhaabbachuun hojjechuu qabna jedhuun, Hayyoonni, namoonni beekkamoo fi diyaaspoorawwan gaffii keessan yeroo hundaa godhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Buufanni madda anniisaa Gibe 3 baatii sagal darban sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 430 ol maddisiiseera-humna elektiriikii Itiyoophiyaa
Apr 24, 2025 21
Ebla 16/2017(TOI)-Buufanni Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti humna ibsaa sa’aatii giigawatii kuma 5 fi 430 ol maddisiisuu beeksise. Hojii gaggeessaan oppireeshinii buufatichaa obbo Dajanee Guutaa akka ibsanitti, Buufatni Humna Bishaan Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti oomisha anniisaa karoorfame caalaa maddisiiseera. Buufatni humna elektiriikaa kun bara baajataa 2017 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 436 tuqaa 5 maddisiisuu kan danda’e yoo ta’u, anniisaa sa’aatii kuma 4 fi 725 tuqaa 56 maddisiisuuf karoorfamee ture jedhan. Kunis sa’aatii giigaa waatii 710 tuqaa 94 ykn hanga karoorfame irraa dhibbeentaa 15 tuqaa 04, akkasumas sa’aatii giigaa waatii 189 tuqaa 65 ykn yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 3 tuqaa 61 caala. Bu’aa kanaaf sababoonni hojiiwwan sakatta’iinsaa fi hordoffii yeroo yeroon oomisha humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessu, hojiin hojii akkaataa maanuwaalii hojii hojii hooggansa dhaabbatichaatiin mirkanaa’een kan raawwatamu ta’uu isaa, akkasumas agarsiistonni addaan ciccituu fi rakkoolee (alaarmii fi badii) yeroo hubataman battalumatti akka dhabamsiifaman ta’uu ibsaniiru. Dhuma bara baajataa kanaatti humni ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 6 fi 141 tuqaa 49 maddisiisuu fi hojiitti galchuuf karoorfamee, ji’oota sagal darban keessatti karoora waliigalaa keessaa dhibbeentaan 88 tuqaa 52 galma ga’uu isaa yaadachiisaniiru. Obbo Dajanee Guutaa itti dabaluun kun karoora bara bajataa keessatti milkeessuuf kaa’ame galmaan ga’uuf agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Biyya keenya Ijaaruu, Bareechuun,fi Qulqulleessuun cimee itti  fufa-Muummicha Ministiraa – Dr.Abiyyi Ahimda
Apr 23, 2025 86
Ebla 15/2017 (TOI)-Hojiin Biyya Ijaaruu, qulqulleessuu, fi miidhagsuu jabaatee kan itti fufu tahuu Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad, hojii misooma kooriidaraa Kaazanchis kaleessa eebisaniiru. Kaazanchis baatiiwwan muraasa dura bifa qabdu, haala amma jiru waliin yeroo madaalamu garaagarummaa guddaan jiraachuu eeraniiru. Misooma kooriidaraa marsaa 2ffaan Kaazanchisiin dabalatee eegaluu ibsuun, baatiiwwan muraasa gidduutti bu’aawwan argaman kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru. Namoonni kaazaanchis irraa ka’anis nannicha daawwachuu ibsuun, haala duraan ture waliin yeroo madalan jijiirama guddaa tahuu ibsaniiru. Biyyoota birootti Ammayyummaa fi jijjiiramni kan dhufan haala Kanaan ta’uu ibsuun, Magaalonni Ammayyooman magariisaa fi qulqulluu ta’uusaanii ibsaniiru. Jiraattonni magaalichaa haala baratame keessaa baanee gara miidhagduutti cehuuf tattaaffii obsa nama fixachiisu kan gaafatu ta’uu ibsuun, biyya keenya guddisuu fi dhaloonni dhufu abdii akka qabaataniis biyya badhaate ijaaruuf gatii kaffalame ta’uu hubachiisaniiru. Hojiin Biyya keenya ijaaruu, qulqulleessuun fi miidhagsuun; hawwii keenyaa fi waan jenne qabatamaa gochuun agrsiisuun cimee itti fufa jedhaniiru. Kanafis, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru jabaatee, beekumsaa fi saffisaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa tattaaffiin barbaachisaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin sadarkaa tokko yeroo geenyu kan itti aanu xiinxaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniru.
Qulqullina bunaa fooyyessuun bu'aa bunarraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira-abbaa taayitichaa
Apr 23, 2025 62
Ebla 15/2017 (TOI)-Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa qulqullina bunaa fooyyessuu fi bu’aa bunarraa argamu hojjetamaa akka jiru beeksise. Waltajjiin qonnaan bulaarratti xiyyeeffate kan buna ispeeshaaliitii qulqulluu qopheessuuf gargaaru irratti hubannoo uumu magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Akka itti aanaan daarektara abbaa taayitichaa obbo Taagaayi Nuuruu jedhanitti galii damee kanarraa argamu guddisuufi qulqullinaa fi sadarkaa bunaa fooyyessuun fayyadama oomishtoota bunaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Qonnaan bultoota qulqullina bunaa irratti araarama hin qabne uumuuf sosochiin qulqullina bunaa gaggeeffamaa turuu eeraniiru. Fudhatama qulqullinaa fi dhandhama bunaa mirkaneessuuf hojiiwwan oomisha bunaa hunda keessatti hojjetamuu akka qaban ibsaniiru. Buna qulqullina qabu oomishuuf mala adda ta’e hojiirra oolchuu fi xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun barbaachisaa ta’uu eeruun, qulqullinni gabaa keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Akka Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa godina Jimmaa obbo Awwall Kealiil jedhanitti, qulqullina oomisha bunaagodinichaa fooyyessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jira. Bunni godinicha keessatti oomishamu qulqullina buna addaa irratti xiyyeeffachuun gabaa giddu galeessaa fi addunyaa irratti dorgomaa akka ta’uuf kallattii kaa’ameen hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru. Mariin qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi ogeeyyii, akkasumas ogeeyyii industirii miiccaa fi falfalu hirmaachise gaggeeffamuu ibsaniiru. Oomishtoonni fi ogeeyyiin naannoo Oromiyaa godina Jimmaa, Iluu Abaaboor fi Buunoo Beeddeellee, akkasumas naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa godina Kafaa fi Beench Shakkoo irraa dhufan leenjicha irratti hirmaataniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015