Baatii sagal darbe naannoo Beeniishaangul Gumuzitti warqeen kiiloo giraama kuma 3 fi 100 caalu baankii biyyaalessaa galeera

Ebla 17/2017 (TOI)- bara bajataa 2017 Baatii sagal darbe naannoo Beeniishaangul Gumuzitti warqeen kiiloo giraama kuma 3 fi 100 caalu baankii biyyaalessaa galeera.

Waltajjiin qorannoo raawwii karoora bara bajataa 2017 baatii sagalii naannichatti taa’ameera.

Baatii sagal bara bajatichaatti warqeen kiiloogiraama kuma 3 fi 170 tuqaa 6 oomishtoota xiqqaa addaa, deddeebiftootaa fi kaampaaniiwwaniin oomishame baankii biyyaalessaa akka galu taasifamuun ibsameera.

Raawwiinsaas kan  bara darbee yeroo wal fakkaataarra guddaa akka fooyya’e himameera.

Kanaaf ammoo riifoormiin dinagdee akka biyyaatti taasifame akkasumas Warqee seeraan ala deddeebifamu irratti to’annoon taasifamaa jiru qooda olaanaa akka taasise odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaa nimul’isa.

Galiin albuuda garagaraa irraa naannicharraa argamu guddachaa dhufuu fi baatii sagal darban damee kanarraa birriin miiliyoona 38 fi 900 ol walitti qabamuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015