Siyaasa
Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartii Turk Aki irratti hirmaachuuf Ankaaraa dhaqan
Feb 22, 2025 50
Guraandhala 15/2017(TOI)-Itti aanaan pirezidaantii Paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartii Turk Aki irratti hirmaachuuf Turk Ankaaraa dhaqaniiru. Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa kun Ankaaraa wayita gahan hooggantoonni olaanoo Paartii Aki fi Turkitti ambaasaaddar Adam Mahaammad dabalatee hooggantoonni Embaasichaa simataniiru. Paartii Turk Aki boruu eegalee yaa’ii waliigalaa nitaa’a. Paartiin badhaadhinaa yaa’icharratti akka hirmaatu afeerraan taasifameefii karaa itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah bakka bu’uun yaa’icharratti nihirmaata jedhameetu eegama. Paartiin Turk Aki yaa’ii idilee lammaffaa Paartii badhaadhinaa baatii darbe taa’amerratti ittaanaa pirezidaantii paartichaa Zaafar Siirakayaan bakka bu’uun yaa’icharratti hirmaateera. Hirmaannaa yaa’iin gamatti Paartiin badhaadhinaa fi Aki dhimmoota garagaraa irratti waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessuun isaanii niyaadatama. Haala Kanaan itti aanaan pirezidaantii paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah mallattoo waliigalteen booda Ankaaraa dhaquun yaa’ii Paartii Aki irratti nihirmaatu. Paartileen kunneen walitti dhihaachuun hojjechuu fi ejjennoon qabxiileen waliigaltichaa Waloo irratti qabaman hojeeffamaa akka deeman carraa uumaa deemuuf akka dandeessisu odeeffannoon paartii badhaadhinaarraa argamenimul’isa. Hariiroo mootummootaa fi ummattootaa biyyoota lamaan jidduu jiru boqonnaa caalutti akka cehu hariiroon paartii Badhaadhinaa Fi Aki jidduutti jalqabame walooma seena qabeessa biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka guddisu ibsameera.
Itiyoophiyaatti Badhaadhina mirkaneessuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruuf hojiin hojjetamu cimee itti nifufa-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Feb 22, 2025 53
Guraandhala 15/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti Badhaadhina mirkaneessuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruuf hojiin hojjetamu caalaa cimee kan itti fufu ta’uu hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan. Konfaransiin ummataa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’iin idilee lammaffaa paartii Badhaadhinaa irratti mari’atu mata duree “waadaarraa amma aadeffannaatti” jedhuun magaalaa Bahaar Daaritti taa’amaa jira. Dr. Biqilaan konfaransii kanarratti, galmi ijoon Paartii Badhaadhinaa Itiyoophiyaa badhaatee fi tokkummaan sabdaneessummaa ishee mirkanaa’e dhugoomsuudha jedhaniiru. Tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun akkasumas Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf tumsi akka taasifamu ibsaniiru. Ummanni humnaa fi dandeettii qabuun misoomarratti akka hirmaatu carraa uumuun hirmaannaa fi itti fayyadamasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka taasifamu himaniiru. Keessumaa dargaggoonni carraa hojii teeknooloojiin deeggarame uumuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuufis akkasuma. Kanaaf murtoowwan Paartiin badhaadhinaa yaa’ii idilee lammaffaan dabarse amma gadiitti guutummaan hojeessuun ummanni akka tumsu gaafataniiru. Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahun Kabbadaa ganasaaniin, diina waloo keenyaa kan ta’e hiyyumarratti duuluun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf nageenya buusuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhaniiru. Murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’aman raawwachuun Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu akka barbaachisu dubbataniiru. Ummanni naannoo Amaaraa qormaata amma yeroof isa mudate cehuuf carraaqquiin taasisaa jiru onnachiisaa fi kan galateeffamudha jedhaniiru. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonni, hawaasni daldalaa, dubartoonni, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon konfaransicha irratti hirmaachaa jiru.
Bu’aalee misoomaa garagaraa magaalota keessatti galmaa’an itti fufsiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha-Dr. Tashoomaa Addunyaa
Feb 22, 2025 44
Guraandhala 15/2017(TOI)- Bu’aalee misoomaa garagaraa magaalota keessatti galmaa’an itti fufsiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan. Konfaransiin murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa irratti xiyyeeffate magaalaa Diillaatti Taa’amaa jira. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaatti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggarii fi miseensi koree hojii raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Tashoomaa Addunyaa akka ibsanitti, hojiilee dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa mootummaan yaadama haaraan jijjiiramaa asitti hojjeteen bu’aaleen galmaa’aniiru. Misoomaa fi bulchiinsa gaarii ilaalchisee magaalota keessatti jijjiiramoonni bu’uraa galmaa’uu eeranii, kana itti fufsiisuuf hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uu dubbataniiru. Waltajjiin kun murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa irratti darban irratti hubannoo uumuun hojiirra oolmaa isaaf qindoominaan hojjechuuf kan akeekame ta’uu himaniiru. Guddinni si’ataan magaalota keessatti dhufaa jiran magaalota jijjiiraa akka jiru kan kaasan ammoo bulchaa godina Geede’oo Dr. Zinaabuu Waldeeti. Keessumaa misoomni kooriidarii fi hojiileen bu’ura misoomaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojjetamaa jiran rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii magaalota keessatti furaa jira jedhaniiru. Magaalota qulqulluu fi jiraattotaaf mijataa taasisuuf hojiileen jalqabaman akka itti fufan hirmaannaan ummataa cimuu qaba jedhaniiru. Hooggantoonni mootummaa, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garagaraa, abbootiin aadaa fi amantaa waltajjicharratti argamaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015