Yaa’iin ariifachiisaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa har’a taa’ama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin ariifachiisaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa har’a taa’ama

Ebla 17/2017 (TOI)-Yaa’iin ariifachiisaa biyyoota humna nagaa kabachiisuu ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaaf gumaacha taasisanii har’a Yugaandaatti nitaa’ama.
Barreessaan Olaanaa ‘IGAD’ Dr. Warqinaa Gabayyoo yaa’icharratti hirmaachuuf Inteebee dhaqaniiru.
Afriikaa keessumaammoo biyyoonni ollaa Somaalee nageenyi waaraan biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf aarsaa kafaluusaanii ‘IGAD’ ibseera.
Aarsaan kun Somaaliyaa nagaa akka qabaattu kutannoo qabu kan agarsiisu himeera.
Nageenyi Somaaliyaa tasgabbii addunyaaf ijoo ta’uu ‘IGAD’ beeksiseera.