Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa jira

Ebla 17/2017(TOI)- Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun adeemsa barumsaa jeequun barsiisotarratti miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa akka jiru gaggeessaan biiroo nagaa fi tasgabbii naannoo Amaaraa ibsan.

Haala nagaa fi tasgabbii naannichaa fi tarkaanfii seera kabachiisuu garee kanarratti fudhatamaa jiru ilaalchisee gaggeessaan damee nagaa fi tasgabbii naannichaa Dr. Isheetee Yeesuuf TOI waliin turtii taasisaniiru.

Ibsa kennaniin, gareen shororkeessaa biyya diiguuf ka’e bakkeewwan garagaraatti ajjeechaa, saamichaa fi badii namarraan gahaa jiraachuu kaasaniiru.

Karaa nagaatti akka deebi’u mootummaan irra deddeebi’uun waamicha taasisaa ture ammallee mootummaan nageenyaaf waamicha taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Hidhattoonni hedduun waamicha taasifameen karaa nagaatti deebi’uunsaanii nibeekama.

Finxaaleyyii badiirraa deebi’uu dhabuun ajjeechaa, saamichaa fi nama ukkaamsuu irratti argaman tarkaanfiin seera kabachiisuu qindaa’aa fi cimaan fudhatamaa jira jedhan.

Gareen finxaalessaa kun daandii cufuun dhiheessii xaa’oo fi tajaajiloota hawaasummaa biroo gufachiisuun alatti qonnaan bulaan akka hin hojjennee fi oomisha gabaa akka hinbaafne gochaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Abbootii amantaa fi jaarsolii biyaa ajjeesuun fi ukkaamsuun badii raawwachaa turuusaa yaadachiisaniiru.

 Manneen barnootaarratti dhuka’aa darbachuun, barsiisota hidhuu fi ajjeesuun akkasumas barattoonni mana barumsaa akka hindeemne dhorkuun farra ummataa ta’uusaa agarsiiseera jedhan.

Kanaaf finxaalessaa farra ummataa ta’e kanarratti tarkaanfiin irra deebii hinqabne fudhatamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan bittinnaa’aa kan jiruu fi carraa argateen namoota samuu fi ukkaamsuu yaalaa akka jiru eeranii, tumsaa fi eeruu ummataan tarkaanfiin itti fudhatamaa jira jedhaniiru.

Nagaa haala Kanaan uumameen bakkewwan hedduutti  dhiheessiin xaa’oo fi galteewwanii qonnaan bulaa qaqqabaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015