Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaaf xaa’oon kuntaalli Miliyona 5 tuqaa 5 Yuuniyeenii  Waldaa Hojii Gamtaa qaqqabeera

Ebla 17/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti  Omisha bara 2017/18 Qonna gannaaf kan oolu  xaa’oon  kuntaalli  miliyeena  5 tuqaa 5 Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa  qaqqabuu  Ejensiin Babal’ina  Waldaa Hojii Gamtaa  Naannichaa  ibseera. 

Naannichatti Itti Aantuun Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Aadde Hinseenee Mahaammed TOIf akka ibsanitti, naannichatti Xaa’oon haala karoorfameen qaqqabaa jiraachuu himaniiru.

Bara kan Xaa’oon yeroon gahuun, raabsi isaa sirnaan raawwatamaa jiraachuu ibsuun , xaa’oon barana dhihaate kan bara darbee yeroo kanaa waliin yeroo madaalamu kuntaala miliyena 2 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

 Bara kana xaa’oo Kuntaala  Miliyoona 10 tuqaa 5 dhiheessuuf karoorfamee hanga  ammaatti kuntaalli Miliyoona 5 tuqaa 5  Yuniyeenotaa fi Waldaalee qaqqabuu ibsaniiru.

Yuuniyeenotaa fi Waldaalee Hojii Gamtaa Xaa’oo qaqqabe keessaa  kuntaala  kuma 800 ol  kan ta’u Qonnaan bulaaf raabsamuusaa dubbataniiru. 

Naannichatti Qonni gannaa bakka dursee eegalutti dursa kennuun raabsamaa kan jiru yoo ta’u, haala Rabsaa Fooyyesuuf yero yerootti gamaggamni gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannichatti xaa’oo dhiyaate guutummaatti Qonnaan bulaa qaqabsiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin hojjetamu  cimuu akka qabu  ibsaniiru.

Adeemsi  gurgurtaa  Dijiitalaan ta’uu kaasanii,  kunis Al-seerummaa raabsa xaa’oo ittisuuf  kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

 Naanichatti  bakka hundatti  gurgurtaan xaa’oo dijiitaalaan raawwachuuf haala fooya’een  qooda fudhattoota waliin kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015