Kantiibaa Adaanech Abeebee qaamolee misooma Kooridarii fi irra deebi’uun ijaaruu Kaazaanchis irratti gumaacha taasisan galateeffatan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee qaamolee misooma Kooridarii fi irra deebi’uun ijaaruu Kaazaanchis irratti gumaacha taasisan galateeffatan

Ebla 16/2017(TOI)-Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee qaamolee misooma Kooridarii fi irra deebi’uun ijaaruu Kaazaanchis irratti gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, Kaleessa galgala misooma kooriidaraa fi irra deebi’uun ijaaruu Kaazaanchiis irratti kontiraaktaroota, goesitoota, gaggeessitoota hojjettootaa fi dhaabbilee mul’ata keenya biyya badhaatuu uumuu halkan hirriba hin qabne hedduu, sagantaa hojii hirriba malee dabarsuun nu waliin hojjetan galateeffanneerra jedhaniiru.
Kanneen keessaa dureeyyii Maashinootasaanii tolaan kan nuuf ergisan, kontiraaktarootaa fi gorsitoota pirojektii fudhatan yeroo fi qulqullinaan nuuf dabarsan, gaggeessitoota magaalaa keenyaa jalqabaa amma xumuraatti hojii kana qindeessan, dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa fi federaalaa akkasumas abbootii qabeenya gamoo mul’ta keenya qooddachuun hojii biyya ijaaraa jirruuf gumaacha olaanaa taasisan hundaaf maqaa koo fi maqaa jiraattotaan galatoomaan jedha jechuun ibsaniiru.