Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominnii fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominnii fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba

Bitootessa 09/2017(TOI)-Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaa fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ibsameera.
Workishooppiin adeemsa raawwii hojii Pirojektii 'ECOSAVE' xiinxalurratti fuulleffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffameera.
Pirojektichi dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota 'ikoo rijinii' Baalerra gahaa jiru qorannoon adda baasuun fala kaa'urratti xiyyeeffachuun ibsameera.
Pirojektichas dhaabbata ‘WaterAid, MELCA-Ethiopia’fi Yunivarsiitii Madda Walaabuu qindoominaan geeggessaa jira.
Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii fi qorannoo Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi tajaajila hawaasaa irratti fuulleffatee hojjachaa jiraachuu woorkishooppicharratti dubbataniiru.
Keessattuu Yunivarsitichi qorannoolee hojiilee qonnaa, fayyaa, qabeenya uumamaa, heddumina lubbu qabeeyyotaaf dursa kennuun irratti hojjachaa jiraachuus eeran.
Qorannoon qindaawaan dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qoodafudhattoota wajjiin hojjatamaa jirus agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta'uus kaasan.
Dhaabbata ‘WaterAid'tti’ qindeessaan sagantaalee Obbo Gabree Ballaxaa gamasaaniitiin dhaabbatichi waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu himan.
Hojirra oolmaan Pirojektii 'ECO SAVE's hawaasa aanaa Barbaree kuma 20 caalaniif bishaan dhugaatii obaasuuf hojiin danddeesissu hojjatamaa jiraachuu akeekan.
Qorattoonni Yunivarsiitichaa gamasaaniitiin dhiibbaa qabeenya umamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota naannoo ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qindoominaa fi tumsi qoodafudhattootaa daran cimuu akka qabu dhaaman.
Keessattuu Hwaasni adeemsa jiruu injifachuuf taasisu keessatti dhibbaa qabeenya umamaarraan gahaa jiru akka xiqaatuuf hojiileen jiruu hawaasaa fooyessuurratti fuulleffatan xiyyeeffannoo arggachuu akka qabanis akeekan.
Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa gara gammoojjii dabaluu, maddoota bishaanii fi bosona naannoo sanaa kunuunsuun tooftaawwan dhiibbaa mul'atan xiqqeessuuf eeraman keessaa ta'uunis barameera.
Bulchaan Aanaa Barbaree Obbo Ahmaddiin Muhammad gamasaaniitiin pirojektichi hojiilee qindaawaa kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti hojjatamaa turan qorannoon deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf kan tumsu waan ta'eef qoodafudhattoota galateeffataniiru.