Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan

Bitootessa 20/2017 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaan dabarsan guutummaansaa akka armaan gadiitti dhihaateera-
Baga ayyaana Iid Al Faxir 1446ffaan isin gahe
“Iid Al Faxir” ayyaana soomni ramadaanaa itti xumuramudha. Iid Al Faxir ayyaana “galataa, tola ooltummaa fi obbolummaati”. Iid Al Faxir ayyaana soomii baatii tokko booda dhufudha. Soomiin kun dadhabbii namaa,humna dhabuu fi ammasaa kan agarsiisudha. Umaan yoo isa hingargaarreen ala humni namaa murtaa’aa ta’uu agarsiisa. Oftuuluun, quufnii fi hammeenyii dadhabaa namaa irratti biqiluunsaanii nama ilaaleef diinni namaa amala mataasaa ta’uu barata.namni bara jireenyasaa keessatti kanneen biraa bulchuuf amma dhama’e ofbulchuuf hindhamaane. Qormaanni har’a biyya keenya keessatti arginu irra caalaan qormaata ofbulchuu dhabuurraa dhufudha. Namni ofhinbulchine humnasaa hinbeeku. Keessa ofii hin ilaalu. Diinasaa amalasaa keessaa barbaaduu manna, diinasaa ollaadhaa barbaada. Kanarraa ka’uun lammiisaa waliin faallaa jiraata. Waqtiiwwan akka Ramadaanaa keessa ofii ilaaluuf nifayyadu.
Namoonni keessa ofii ilalan galanni isaaniif maallaqa. Namni amma ofii yoo hinbeekne kanneen biroo hingalateeffatu, kanneen biraa hindinqisiifatu. Dhimma kanneen Kanneen biroo yoo hinhubanne kan qabu hinbeeku, hindinqisiifatu. Diinnisaa amalumasaa ta’uu yoo hinhubanne, nama biraa hinjaalatu. Kanaafi xumurri soomichaa, ayyaana galataa Iid Al Faxiir kan ta’e.Soomni kun maatiirraa eegalee amma hawaasaatti adabachuun walgahuuf nigargaara. Walgahuun miirarraa kan bahe, tasgabbaahuu fi adabachuu ofkeesa qaba. Marii biyyaalessaa keenya duudhaa kana osoo gonfatee nifayyadamna. Mari’achuun qofti hinfayyadu. Miira keessaa bahuum, tasgabbaahuun morodamee, boru ilaaluun mari’achuu. Yoo kana ta’e akkuma Iid mariin keenya xumurrisaa galata ta’a.
Duudhaan Iid kan biraan tola ooltummaadha. Harka qalleeyyii, kanneen haalli hinguunneef tola ooluu. Firummaa, sanyii ykn amantaa osoo hin ilaaliin namni nama ta’uusaa qofaan gargaaruu. Gargaarsi soomii guutuu kan ta’u tola oolummaan yoo itti dabalamedha. Tola ooltummaa jechuun kan ofiirraa hir’isuun kan biroof guutuudha. Akka biyyaatti itti fufuu fi akka ummataatti walitti hidhachuuf tola ooltummaan duudhaa baay’ee barbaachisaadha.
Aka ofiitti kan biraas ilaaluu. Hir’ina kanneen biroo guutuuf jecha kan ofii dhabuu. Lammiin koo maaf gadda? Maaf lammii koo garaan hammaata? Jechuun quuqamuu.
Hundi keenya faayidaa fi mirga firoota keenyaa kabachiisuun qofa biyya ijaaruu hindandeenyu. Walitti hidhamiinsi keenya firoottan keenyarra darbee, miidhaa fi qormaata kanneen biroo qooddachuu barbaachisa. Manni nama biraa kan guutu wayita manni koo guute miti. Mannisaa guutuu yoo ta’udha manni kook an guutu. Dirreen siyaasaa keenya duudhaa keenya durii kanarratti yoo hinbu’uureffamne haqa qabeessummaa fi walqixxummaan buusuuf nirakkanna.
Duudhaalee lamaan kana kan walitti hidhu duudhaan Iid ‘Obbolummaadha.” Obbolummaa jechuun duudhaa waloo, walii tumsuu fi michooma galma waloorratti hundaa’edha. Michoomni kun naamusaan kan sorore, jaalalaa fi tokko kan biraaf dhaabachuu irratti hundaa’a. Itigaafatama waloo nifudhata. Jireenya siyaasaa biyya keenyaa keessatti duudhaan bayyee barbaachisu, garuummoo kan dagatame kana. Mirgas ta’e dirqama ija obbolummaan ilaaluun dubbicha qaamatti dhihoo taasisa. Anaaf kan jedhu jalaa baasee nuyiif, Nuyiif kan jedhu keessaas baasee “isaa fi nuyiif”, isaa fi nuyiif kan jedhu jalaallee baasee “ nutti haa ha fu, isaaf haata’u” gara jedhutti geessa.
Amantaalee, paartilee siyaasaa, haeaasaalee fi hayyoota jidduutti walooma fooyya’aa kan uumu obbolummaadha. Waldeeggaruu, walbeekuu fi waliigaluu caalmaa qabu uuma. Duudhaan Kan biroof jecha dhiisuu, kan biraaf jecha fudhachuu,kan biraaf jecha miidhaaleef beekamtii kennuu kan argamsiisu obbolummaadha.
Ayyaanni Iid duudhaa isa tokko kan ta’eef kanaafi. Duudhaalee Iid kanneen yaadachaa, gabbisaa fi ijaarsa biyyaaf fayyadamaa akka kabajnu waamichan dhiheessa. Maatiin, olloonni hawaasonni fi abbootiin amantaa wayitii walgahan duudhaaleen Iid kunneencaalaatti akka mul’atanii fi hawaasni akka ittiin ijaaramu akka taasisanin adaraa jedha.
Iid Mubaarak!
Itiyoophiyaan carraaqii ilmaansheen kabajamtee bara baraaf haa jiraattu!
Rabbiin Itiyoophiyaa fi ummatashee haa eebbisu!
Bitootessa 20 bara 2017