Kubbaaniyaan Ameerikaa Tajaajila Idila Addunyaa  hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu  beeksise

Ebla 17/2017 (TOI)-Kaampaaniin Baankii Viizaa Amerikaa Itiyoophiyaa dabalatee riijinichatti, Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksiseera.

Minsteerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Viizaa Amerikaa, kaardii kaffaltii Idila Addunyaa Inki tajaajila hawaalaa, faayinaansii dijitaalaa fi carraawwan deeggarsaa haaraa  irratti waliin  hoojechuuf marii’ateera.

De’etaan Ministiraa Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alamaayyoo Mootummaan Itiyoophiyyaa wal-qixxummaa fi faayidaa waloo irratti kan  Xiyyeeffate  Tumsa Dijiitaalayizeeshinii  akka guddatu  fedhii guddaa qabaachuu  ibseera.

Milkaa’ina Tiranisfoormeeshinii Dijiitaalaa seeraan, bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa humna namaan hojiiwwan bal’aan raawwatamaniiru.

Hojiiwan Biyyoolessaa Dijiitaalayizeeshinii gochuu fi omisha faayinaansii  tajaajila haarawaa  Itiyoophiyaatti qaqqabsiisuuf tattaaffii gochaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti aanaan Pirezidantiin riijinii kibba Baha Afriikaa Viizaa Inki  Mikaa’el Berner, Tajaajila Viizaa Idil Adduyaa, Itiyoophiyaa fi  biyyoota Riijinichatti  dhaqabamaa  taassisuuf fedhii qabaachuu ibseera.

Kaffaltiin Dijiitaalaa Viizaa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuun akka dandahamu ibsuun , Muuxannoo Idil Adunyaa fi naannoo hojiirra akka oolu ibsaniiru.

Ajandaan Tiraanisfoormeeshiniin Dijiitaala Itiyoophiyaa akkasumas, tarsiimoon Pirojektii  Dijitaalaa fi karoora raawwiisaa ilaalchisee, waliin hojjechuuf walii galteerra gahuu  odeeffannoon minisreerichaa ni’agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015