Taphni piriimer liigii sadii har’a nigaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Taphni piriimer liigii sadii har’a nigaggeeffama

Ebla 13 (TOI)- Piriimer Liigii Itiyoophiyaatti torban 26ffaa taphoota oolmaa guyyaa sadiin taphoonni sadii ni gaggeffamu.
Taphni jalqabaa ganama sa’aatii 3 fi 30 Magaalaa Aadaama fi Machaal Gidduutti Istaadiyeemii Yuunversiitii Hawaasaatti nigaggeeffama.
Magaalaan Adaamaa qabxii 21n sadarkaa 16ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama.
Machaal qabxii 35n sadarkaa 6ffaa qabateera.
Guyyaa sa’aatii 9 irratti Fasil kanamaan Diredawaa kanamaa waliin nitaphatu.
Fasil kanamaan qabxii 33n sadarkaa 11ffaa yoo qabatu, Magaalaan Diree Dawaa qabxii 26n sadarkaa14ffaa qabateera.
Tapha guyyaa dhumaan galgala sa’aatii 12 irratti Magaalaan Baahir Daar fi Maqalee 70 Indartaan wal Morkatu.
Magaalaan Baahir Daar qabxii 37n sadarkaa 3ffaa qabateera. Maqalee 70 Indartaan qabxii 28n sadarkaa 13ffaa irra jira.
Oduu wal fakkaatuun, taphoota torban 26ffaa kaleessa gaggeeffamaniin taphooota guyyaa lamaniin , Bunni Sidaamaa buna Itiyoophiyaa 1 fi 0 yoo injifatu, Magaalaan Arbaa Mincii fi Sihuul Shireen goolii tokko malee wal qixa addan bahaniiru.