Waan yaanne osoo hinmilkeessiin aduun nutti hidhiituutii guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 615 tuqaa 7 dhaabneerra- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad



Hagayya 17/2016(TOI)- Waan yaanne osoo hinmilkeessiin aduun nutti hidhiituutii guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 615 tuqaa 7 dhaabneerra jedhan  Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo kan har’aa ilaalchisuun ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaan  armaan gadii fuula marsariitiisaniirratti dabarsan akka armaan gadiitti dhihaateera-

Guyyaa har’aa aduun baate amma lixutti biqiltuuwwan miiliyoona 600 dhaabuuf hundi keenya karoorsinee turre. Waan yaanne osoo hinmilkeessiin aduun waan nutti hindhiineef guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 615 tuqaa 7 dhaabneerra.

Daa’imman abdiisaanii dhaabaniiru. Dargaggoonni ciminasaanii agarsiisaniiru. Maanguddoonni dhaala ol kaa’aniiru. Itiyoophiyaanonni guddaa amma xiqqaatti ህ manaa bahanii ashaaraa hindimimmifne kaa’aniiru. Waliin ta’uu keenyaa fi cimnee waan dhaabanneef addunyaarratti guyyaa tokkotti ta’uu waan hindandeenye gochuu dandeenyeerra. Guyyaa har’aa madaallii haala qilleensaa eeguuf dhaabannee oolleerra. Dhiqama biyyee qolachuuf hiriirree oolleerra. Wabii nyaataa mirkaneessuuf dadhabaa oolleerra. Lafa irra jiraanyu magariisa uffisuuf lalisummaa deebisuuf osoo hinjilbeeffatiin hojjenneerra. Kan nu uume nugargaaree waan guyyaa har’aa yaanne milkeessineerra.

Guyyaa har’aa lammiileen miiliyoona 29 tuqaa 1 iddoowwan odeeffannoon Ji’oopaarshaalii itti argametti biqiltuu dhaabaniiru.

Amma ammaatti odeeffannoo galmaa’een alatti odeeffannoo biqiltuuwwan dhaabamanii walitti aansuun kan ibsamu ta’a.

Gamtaa Itiyoophiyaanonni taasisaniif galanni haaga’u. hooggantoonni, ogeeyyonnii fi dhaabbileen miidiyaa galata qabu. Hawwii fi hojiin keenya hundi Itiyoophiyaa fooyyofte gamtaan ijaarree tureuudha.. Kana ammo ittifufna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015