Miseensonni Hooggansaa fi hojjettoonni waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaaban

Hagayya 20/2016 (TOI)- Miseensonni Hooggansaa fi hojjettoonni waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa biqiltuu ashaaraa magariisaa Adaamaatti dhaaban.

Waajjirichi waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa guddicha naannoo Oromiyaa  waliin ta’uun har’a magaalaa Adaamaa aanaa Gooroo gaara Coqqonuurra biqiltuu dhaabeera.

Daarektarri olaanaan waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa Dr. Aragaawii Barihee wayita kana akka jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu hidhi haaromsaa tajaajila dheeraa akka kennu gumaacha olaanaa taasisa.

Haala Kanaan waggoottan darban miseensonni hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa walitti aansuun sagantaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa sababa lolaatiin dalaliin akka hinguutamne qabiyyee uumama lafaa deebisuuf biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun hundarraa eegama jedhaniiru.

Ashaaraan magariisaa mootummaa qofaan osoo hinta’iin hirmaannaa ummataan bu’a qabeessa ta’aa dhufuunsaa kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru.

Daarektarri olaantuu waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa naannoo Oromiyaa  adde Qonjiit Baqqalaa gamasaaniin qindeessichi biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Qindeessichi ittigaafatama qabun alatti hidhi kun Itiyoophiyaanotaaf tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’uu fi qabiyyeen naannawaa akka eegamu hundi sagantaa kanarratti akka hirmaatu hubannoon uumamaa akka ture ibsaniiru.

Sagantaan kun rakkoo jijjiirama qilleensaa furuun gamatti namoota hedduuf carraa hoojii uumuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015