Biqiltuu dhaabuun alatti kunuunsuudaan dammaqinaan hirmaachuun naannawa jireenyaa fi bakka hojii mijataa uumuuf hundi cimee hojjechuu qaba

Hagayya 30/2016 (TOI)-Biqiltuu dhaabuun alatti kunuunsuudaan dammaqinaan hirmaachuun naannawa jireenyaa fi bakka hojii mijataa uumuuf hundi cimee hojjechuu akka qabu mana maree bakka bu’oota ummataatti itti waamamaan mootummaa muummeen Dr. Tasfaayee Beeljigee ibsan.

Qaamoleen hooggansaa mana maree bakka bu’oota ummataa fi dhaabbilee mana marichaaf itti waamaman kan itti wamamaa mootummaa muummee Dr. Tasfaayee Beeljigeen gaggeeffamu Dirree Dawaatti argamuun Biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.

Biqiltuun mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun dhaabame qaama sagantaa ashaaraa magariisaa baatii gannaa barana adeemsifamee ta’uun ibsameera.

Mana marichatti ittiwaamamaan mootummaa muummee Dr. Tasfaayee Beeljigee wayita kana akka jedhanitti, biqiltuuwwan waggoottan darban ashaaraa magariisaan dhaabaman dinagdee jijjiirama qilleensaaf hinsarmine ijaaruu keessatti gumaacha murteessaa qabu.

Keessumaa magaalaawwan bakka hojii fi jireenyaa mijataa gochuu keessatti gumaacha taasisaa jiru eeraniiru.

Biqiltuuwwan barana akka biyyaatti dhaabaman kunuunsuu fi guddisuuf hojiilee jalqabaman cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan Af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa adde Fathiityaa  Aden gamasaaniin, sagantaan kilaastara baadiyyaa fi ashaaraa magariisaa magaalaa Dirree Dawaa milkaa’aajira.

Biqiltuuwwan dhaabuu fi kunuunsuun gumaacha fooyya’insa jireenya hawaasa Dirree Dawaaf qabu hubachuun abbummaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa olaanoo fidhaabbileen mana marichaaf itti waamaman Dirree Dawaatti argamuun ashaaraa magariisaa kaa’uusaaniif af-yaa’iin adde Fathiiyaa gammachuusaanii ibsaniiru.

Kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar dabalatee hooggantoonni biroos sagantaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015