Guyyoota 10 dhufan naannawoota biyyattii kaabaa fi Kaaba bahaatti roobni hir’achaa dhufa

Fulbaana 2/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota biyyattii kaabaa fi Kaaba bahaatti tamsaasni roobaa hir’achaa wayita dhufu bakkeewwan birootti roobni idilee olii jiraachuu akka danda’u Inistiitiyuutiin Miitiyoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen kutaa biyyattii Lixaa fi Kibba Lixaatti roobni ittifufuu akka danda’u himeera.

Kutaa kibba Itiyoophiyaa waqtii roobaa kan lammaffaa suuta suutaan argachuu akka jalqabu eereera.

Kutaan biyyattii Kaaba lixaa, kibba lixaa akkasumas jiddugaleessaa roobni xiqaarraa amma jiddugaleessaatti argachuu akka danda’an raageera.

Bakkeewwan tokko tokkotti kuusaawwan hurrii humna ibsaatiin ciman rooba cimaa hordofsiisuu akka danda’an odeeffannoowwan raagaa ni’eeru.

Guyyoota kudhan dhufan naannolee Tigraayi, Amaaraa, Beeniishaangul Gumuz, Oromiyaa, jiddugaleessa Itiyoophiyaatti akkasumas Finfinneen roobni xiqqaarraa amma cimaatti nirooba jedhameetu eegama.

Gama biraatiin godinaaleen Affaar, Oromiyaa Harargee Bahaa fi Lixaa, naannoo Amaaraa kaabaa fi Kibbaa Walloo, naannoo Gaambeellaa, naannoo Tigraayi godinaalee kibbaa fi kibba lixaa , Kibba lixa Itiyoophiyaa, naannolee Somaalee fi Hararii akkasumas Dirree Dawaan rooba cimaa argatu jedhameetu eegama jedhameera.

Naannoleen qonna gannaa adeemsisan irra caalaan ciidhina xiqqaa amma guddaatti ni’argatu jedhameetu eegama.

Kanaaf midhaan firiif qaqqaban akkasumas turanii facaafamaniif akkasumas kuduraa fi muduraaf faayidaa olaanaa qaba jedhameera.

Gama biraatiin sulula Hawaasirraa hidhoonni Qooqaa, Tandaahoo fi Kasam Sulula Abbayyaarraa hidhoonni Xaanaa Balas, Rib fi Fincaa’aa baay’ina bishaaniirraa kan ka’e naannawoota sulula gadiirratti dhiibbaa akka hingeessifne hordoffiin nibarbaachisa jechuun hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015