Naannoo Harariitti danbiin bulchiinsa balfa gogaa fooyya’e faalama naannawaa hambisuun magaalattii nimiidhagsa-Jiraattota magaalaa Harar

Fulbaana 7/2017(TOI)- Naannoo Harariitti danbiin bulchiinsa balfa gogaa fooyya’e faalama naannawaa hambisuun magaalattii kan miidhagsu ta’uu Jiraattonni magaalaa Harar ibsan.

Danbiin hundeessa waajjira danbii kabachiisaa fi bulchiinsa balfa gogaa fooyya’ee hojii jalqabe magaalaa Harar qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu jiraattonni magaalattii yaada kennan ibsan.

Kanaan dura hanqinni qulqullinaa olaanaan jiraachuusaa kan ibsan jiraattonni xiyyeeffannoo mootummaan kenneen hojiileen hojjetaman magaalattii miidhagsuusaa eeraniiru.

Keessumaa hojeeffamaa kan jiru misoomni kooriidarii daandii lafoo fi tiraafikaa mijataan akkasumas bakkeewwan aara galfii mijataan akka jiraatu dandeessisuusaa himaniiru.

Bu’uraalee misoomaa hojjetaman eeguu fi kunuunsuun akka barbaachisu jiraattonni ibsanii kanaaf ammoo danbiiwwan hojiirra oolan bu’uraaleen misoomaa akka eegaman gumaacha guddaa akka taasise ibsaniiru.

Akkaataa balfi itti qabamuu fi dhabamsiifamuun wal qabatee dhorkaaleen danbichaan ibsamanii fi adabbiiwwan kaa’aman hundi qulqullinni aannawaa akka eegamu magaalaa qulqulluu fi miidhagduu uumuuf kan dandeessisan ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin danbichi weerara lafaa fi ijaarsa  seeraan alaa seera eegsisuun magaalattiin pilaanii fi sirnaan kan gaggeeffamtu taasisuuf akka gargaaru ibsuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii Harariirraa argame nimul’isa.

Danbiin haaraa fooyya’e qabeenya lafaa murtaa’aa naannichi qabu weerara seeraan alaarraa oolchuun karaa bu’a qabeessaa fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu kan ibsan jiraattonni, raawwiisaaf gumaacha irraa eegamu akka bahan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015