Itiyoophiyaan Sirna geejjiba magariisaa hojeessuun kutannoo nageenya pilaanetii keenyaaf qabdu agarsiisaa jirti-ministira geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Sirna geejjiba magariisaa hojeessuun kutannoo nageenya pilaanetii keenyaaf qabdu agarsiisaa jirti-ministira geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee
Fulbaana 28/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Sirna geejjiba magariisaa hojeessuun kutannoo nageenya pilaanetii keenyaaf qabdu agarsiisaa jirti jedhan ministirri geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee.
Ministeerichi ijaarsa sirna geejjiba magariisaa jajjabeessuuf agarsiisaa fi siimpooziyeemii baatii tokkoon boora mata duree”Itiyoo giriin mobiliitii 2024”jedhuun adeemsifamu ilaalchisuun waltajjii taateen duraa bakka namoota dhimmi ilaallatu argamanitti har’a adeemsifameera.
Ninistirichi Dr. Alamuu Simee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan ijaarsa dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa jalatti hinkufneef xiyyeeffannoo adda duree kennitee hojjechaa akka jirtu eeraniiru.
Seektarri geejjibaa faalama haala qilleensaaf harka 10 amma 15 sababa ta’uu ibsanii, ijaarsa dinagdee magariisaaf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru.
Haala Kanaan gaasii faalaa seektara geejjibaarraa bahu hir’isuu fi konkolaattonni humna haaromfamu fayyadaman sirnicha keessa galchuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministeerichi konkolaattonni humnahaaromfamu fayyadaman ykn konkolaattota elektiriikiif onnachiiftuu addaddaa gochuu fi ijaarsa bu’ura misoomaa mijataa irratti cimsee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Hojiileen misooma magaalaa ammayyaa magaalaawwan Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru sirna geejjiba magariisaaf kutannoo qabdu akka agarsiisu ibsaniiru.
Haata’u malee tarkaanfiiwwan gama konkolaattota magariisaatiin amma fudhatamaa jiran ilaalchisuun hanqinni iftoomaa akka jiru eeraniiru.
Kanaaf agarsiifnii fi Siimpooziyeemiin idil addunyaa Sadaasa dhufu taasifamu iftoomina uumuu fi hirmaattota seektarichaa dadammaqsuuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.
Afriikaanonni sektara kana keessatti argaman 700 caalan akka hirmaatan eeraniiru.
Agarsiis kana milkeessuuf ministeerichi waltajjii galiin itti walitti qabamu qophaa’uusaas eeraniiru.
Haala Kanaan qaamoleen qooda fudhtoonni hundi sosochii galii walitti qabuu knaaf gumaachasaanii akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.