Duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa Finfinneetti adeemsifamuufi - ENA Afaan Oromoo
Duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa Finfinneetti adeemsifamuufi
Fulbaana 29/2017(TOI)-Boruu eegalee Finfinneetti duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa ni’adeemsifama.
Duula taasifamu ilaalchisuun hojii gaggeessaan pirojektii waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yoodaahee Ar’ayasillaasee fi daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tajaajila jiraattota Yoonaas Alamaayyoo waliin ta’uun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa kanaanis aanaalee fi kutaalee magaalaa hundatti akkasumas waajjirri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa fi waajjiraaleen damee lama boruu kaasee galmee faayidaa duulaan akka taasusan ibsameera.
Duuli kun sirna galmee dijitaalaa faayidaa hawaasa qaqqabsiisuuf akka dandeessisu himameera.
Galmee kana guutuu magaalaatti taasisuuf akka gargaaru dhaabbileen lamaan humna waloo dhaabanii qophii taasisuusaanii ibsa Kanaan himameera.
Duulli kun tajaajila dijitaalaa sadarkaa magaalaatti jalqabame itti fufsiisuuu fi tajaajiloota kennaman si’ataa akka ta’an nigargaara jedhameera.
Namoonni jiraataa magaalattii ta’anii fi hintaane buufataalee kanneenitti argamuun akka galmaa’an hooggantoonni dhaabbilee lamaanii ergaa dabarsaniiru.