Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa taphoota gulaallii Waancaa Afriikaaf Abiijaan dhaqe

Fulbaana 29/2017(TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa taphoota gulaallii Waancaa Afriikaa Giinii waliin taphatuuf har’a waarww booda gara magaalaa Muummee Kotidivwaar Abiijaan dhaquusaa federeeshiniin kubbaa miilaaa Itiyoophiyaa beeksise.

Tahoonni kunneen Onkoloolessa 2 fi 4 bara 2017 nitaphatamu.

Gareen kun Fulbaana 24 bara 2017 irraa eegalee Finfinneetti qophii taasisaa tureera.

Gareen waaliyaa gulaallii Waancaa Afriikaa 35ffaa Moorookootti adeemsifamuuf taphoota ramaddii sadaffaa fi afraffaa taphachuuf har’a waaree booda gara magaalaa Muummee Kotidivwaar Abiijaan dhaquusaa federeeshiniin kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Ramaddii kana keessati kan argaman demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo fi Taanzaaniyaan Fulbaana 30 fi Onkoloolessa 5 nitaphatu.

Itiyoophiyaan taphoota amma ammaatti ramaddii 8 keessatti taasifteen Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoodhaan 2 fi 0n yoo mo’atamtu, Taanzaaniyaa waliin galchii malee walqixa bahuunsaanii niyaadatama.

Akkaataa qabxii kanaatiin Itiyoophiyaan qabxii tokkoon ramaddiirraa sadarkaa sadaffaarratti argamti.

Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoon qabxii jahaan ramaddicha dursaa jira. Taanzaaniyaan qabxii afuriin sadarkaa lammaffaarratti argamti Giiniin qabxii malee sadarkaa xumuraa afraffaa qabatteetti.

Waancaa Afriikaaf darbuuf biyyoonni 48 ramaddii 12tti qoodamanii taphachuurratti argamu.

Waancaa Afriikaa 35ffaaf biyyoonni 24 akka hirmaatan konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa(KKA) beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015