Baatiin Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 5ffaan godahambaa Saayinsiitti geggeeffumu jalqabe.

Onkoloolessa 1/2017 (TOI) - Baatiin Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 5ffaan golahambaa Saayinsiitti geggeeffumu jalqabe.

Baatiin nageenya saayibarii biyyaaleessaa kun mata duree ''walabummaa dijitaalaa nageenya bu'uuraalee misoomaa ijoof'' jedhuun har'a irraa eegalee hanga Onkoloolessa 30/2017'tti ni geggeeffama jedhameera.

Sagantaa kanarratti Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Miratuu, Pirezidaantii Baankii Daldaala Itoophiyaa Abbee Saanoo, Hoji geggeesituu Itiyo-telekoom Firihiwoot Taammiruu, miseensoota mana maree bakka bu'oota uummattaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Baatiin nageenya Saayibarii bara 2012 irraa eegalee wagga waggaan geggeeffama kan jiru yoo ta'u baatiin kun sadarkaa idil addunyaatti bara kana yeroo 21ffaa kabajamaa jira.

Baatii Nageenya Saayibarii kanaan dhimmoo nageenya saayibariin walqabatan irratti hojiin hubannoo uumuu adda addaa ni hojjetama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015