Sirna dijitaalaa bilisaa fi birmadummaan isaa kan mirkanaa'ee taasisuuf nageenya saayibariif xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba.

Onkoloolessa 1/2017(TOI) - Sirni dijitaalaa bilisaa fi birmadummaan isaa kan mirkanaa'ee taasisuuf nageenya saayibariif xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa obbo Maammoo Miratuu beeksisan.

Birmadummaa biyyaa karaa guutuu ta'een mirkaneesuuf nageenya saayibarii mirkaneesuun gahee olaanaa kan qabu ta'uus eeraniiru.

Guyyaa har'aa eegaluun mata duree ''Walabummaa dijitaalaa nageenyaa bu'uuralee misooma ijoof'' jedhuun ji'a tokkoof kan geggeeffamu baatiin nageenyaa saayibarii golahambaa saayinsiitti jalqabameera.

Baatiin nageenya Saayibarii bara 2012 irraa eegalee wagga waggaan geggeeffama kan jiru yoo ta'u baatiin kun sadarkaa idil addunyaatti bara kana yeroo 21ffaa kabajamaa jira.

Baatii Nageenya Saayibarii kanaan dhimmoo nageenya saayibariin walqabatan irratti hojiin hubannoo uumuu adda addaa ni hojjetama jedhameera.

Sagantaa kanarratti argamuun ergaa kan dabarsaan bulchaan Baankii Biyyaaleessa obbo Maammoo Miratuu birmadummaa biyyaa mirkaneesuuf nageenyi saayibarii dhimmaa ijoo fi waqtaawwadha jedhaniiru.

Qabeenya dijitaalaa eeguu fi nageenya lammilee karaa guutuu ta'e mirkaneesuuf nageenya saayibariif xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu dubbataniiru.

Sirni ditaalaa Itoophiyaa bilisaa fi birmadummaan isaa kan kabajame akka ta'u nageenyaa saayibariif xiyyeeffannoon guddaan kennamuufii akka qabu eeranii kana karaa guutuu ta'e raawwachuuf humna ogeeyyii cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Misooma tekinolojii saayibarii keessatti dameen dhuunfaa gahee irraa eegamu akka bahu deeggaruun dargaggoota kennaa tekinolojiin cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Daarektarri olaantuu Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigisit Hamdii; bu'uura karoora tarsimoo Itoophiyaa dijitaalaan nageenya saayibarii eeguuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jira jedhaniiru.

Baatii nageenya saayibarii kabajuunis hubannoo lammileen nageenya saayibarii irratti qaban guddisuu keessatti fayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Yaalii haleellaa saayibarii Itoophiyaa irratti taasifame qolachuun kisaaraa birrii biliyoonotaan lakkayaamuu himbisuun adda addan da'ame yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015