Itiyoophiyaan tapha gulaalli xumuraa zoonii Seekaafaa Burundii waliin nitaphatti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tapha gulaalli xumuraa zoonii Seekaafaa Burundii waliin nitaphatti
Onkoloolessa 1/2017 (TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii ramaddii xumuraa zoonii Seekaafaa 24ffaa Burundii waliin nitaphata.
Taphnni kun guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyoomii Azaam Kompileksitti nitaphatama.
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii taphoota ramaddii lama keessatti taphateen Yugaandaadhaan goolii 3 fi 0n fi Sudaan Kibbaatiin goolii 2 fi 1n mo’ameera.
Itiyoophiyaan qabxii malee fi gooliin afur ittigalee ramaddii keessaa sadarkaa xumuraarra jirti.
Morkataanshee Burundiin taphoota lamaan Kibba Sudaan 1 fi 0n mo’attee Yugaandaadhaan 4 fi 1n mo’atamteetti.
Burundiin qabxii 3n sadarkaa lammaffaarra jirti.
Yugaandaan guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Istaadiyoomii Kiinoondoonii Munisipaal Kaawunsilitti Kibba Sudaan waliin nitaphatti.
Taphoota ramaddii 1 keessatti kaleessa taphatamaniin Taanzaaniyaa Sudaan 1 fi 0n yoo mo’attu Ruwaandaa fi Keeniyaan galchii malee adda bahaniiru.
Ramaddii Kanaan Taanzaaniyaa fi Sudaan qabxii walfakkaataa jahaan gooliin walcaalanii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa qabataniiru.
Dorgommiin gulaallii kun amma Onkoloolessa 10 bara 2017tti nitura.