Baatii Amajjii dhufuu eegalee tajaajilli Paaspoortii elektirooniiksii hojiirra ooluufi

Onkoloolessa 1/2017(TOI)- Baatii Amajjii dhufuu eegalee tajaajila Paaspoortii elektirooniiksii kennuu akka eegalu tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa beeksise.

Tajaajilli Immigireeshinii fi lammummaa raawwii hojii kurmaanaa bara 2017 ilaalchisuun ibsa kenneera.

Daarektarri olaantuu tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Salaamaawiit Daawit ibsa kennaniin, rakkoolee tajaajilaa dhaabbaticharratti kaafamaa turan furuuf fooyyessi garagaraa hojjetamaa akka turan yaadachiisaniiru.

Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa bifa haaraan hundeessuu fi labsii immigireeshinii fooyyessuun hojii hojjetameen jijjiiramni qabatamaan akka dhufu gochuusaa kaasaniiru.

Dhaabbatichi kurmaana bara bajataa 2017tti  humna namaa qabu dabaluuf kanneen Yuunivarsiitiirraa eebbifaman leenjisuun hojii akka jalqaban taasifameera jedhaniiru.

Kurmaana waggaa kanatti buukleetonni kuma 478 biyya alaarraa galuusaanii fi kana keessaa kuma 367 maxxanfamanii maamiltootaaf raabsamuu dubbataniiru.

Galmeen Paaspoortii karaa onlaayinii guyyaatti kuma torbaa ola qaqqabuusaa fi tajaajiloonni bakka qaqqabiinsaa fi onlaayin Viizaa bifa fooyya’een kennamaa akka jiran ibsaniiru.

Amajjii dhufuu eegalee tajaajilli Paaspoortii elektirooniiksii akka jalqabamu ibsanii, kanaaf ammoo qophiin barbaachisu taasifamuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015