Itiyoophiyaan tapha gulaallii waancaa Afriikaa har’a Giinii waliin nitaphatti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tapha gulaallii waancaa Afriikaa har’a Giinii waliin nitaphatti
Onkoloolessa 2/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tapha gulaallii waancaa Afriikaa 35ffaa ramaddii 8 kan sadaffaa har’a Giinii waliin nitaphatti.
Taphni biyyoota lamaanii Istaadiyeemii Ibiimpee Olimpiik Kotidivuwaaritti argamutti galgala sa’aatii 1tti nitaphatama.
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa taphoota amma ammaatti ramaddii 8 keessatti taphateen demokiraatiik Rippaabiliik Koongoodhaan 2 fi 0n mo’amee Taanzaaniyaa waliin galchii malee adda baheera.
Haala Kanaan Itiyoophiyaan qabxii tokkoon ramaddiirraa sadaffaarratti argamti.
Gareen biyyaalessaa Giinii taphoota ramaddiisaa keessatti taasiseen Taanzaaniyaadhaan 2 fi 1n akkasumas Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoodhaan 1 fi 0n mo’ameera.
Giiniin qabxii malee ramaddiirraa sadarkaa xumuraa afraffaarratti argamti.
Gareen biyyaalessaa lamaan gulaallii Kanaan injifannoo jalqabaa galmeessisuuf nitaphatu.
Itiyoophiyaa fi Giiniin tapha ramaddii afraffaa Onkoloolessa 5 bara 2017 Istaadiyeemii Ibiimpee olimpiikitti nitaphatu.
Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoon qabxii sagaliin ramaddiirraa dursaa jirti.
Taanzaaniyaan qabxii afuriin sadarkaa lammaffaarra jirti.