Shaampiyoonaan Teenisii Minjaalaa Afriikaa Finfinneetti jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaan Teenisii Minjaalaa Afriikaa Finfinneetti jalqabame
Onkoloolessa 2/2017(ኢዜአ)-Shaampiyoonaan Teenisii Minjaalaa Afriikaa Itiyoophiyaa dabalatee kan biyyoonni Afriikaa 16 irratti hirmaatan Finfinnee akkaadaamii Ispoortii Itiyoophyaatti jalqabame.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa 16 dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u har’aa eegalee amma Onkoloolessa 9 bara 2017tti akka adeemsifamu beekameera.
Itiyoophiyaa dabalatee Aljeeriyaa, Angoolaa Beeniin, Kaameeruun, Riwaandaa, Sudaan, Toogoo, Naayjeeriyaa, Senegaal, Tuuniiziyaa, Maadagaasikaar, Yugaandaa, Demokiraatiik Koongoo fi Afriikaa Kibbaa dorgommicharratti hiraachaa jiru.
Biyyoonni kunneen dorgommii kanaaf kan qaqqaban garee shanitti qoodamanii dorgommii gulaallii shaampiyoonaa Teenisii minjaalaa Afriikaa erga taasifamee booda ramaddiisaaniirraa waan mo’ataniifi.
Haala Kanaan dorgommichi dameelee afuriin garee, qeenxee , cimdii fi walmakaadhaan saala lamaanuu ni’adeemsifama.
Dorgommicha kan mo’atan badhaafni doolaara kuma 25 qophaa’uusaa beekameera.
Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa, pirezidaantiin federeeshinii minjaala Afriikaa Kaaliid Alsaayi, pirezidaantiin koree Olompiikii Itiyoophiyaa Dr. Ashabbir W/Giyoorgis, pirezidaantiin federeeshinii Teenisii Itiyoophiyaa Tasfaayee Bizaanee fi kanneen biroos sirna baniinsaarratti argamaniiru.