Taateen Teeknooloojii fi hubannoo namtolchee addunyaarraa guddichi Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota 180 hirmaachise Dubaayitti adeemsifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Taateen Teeknooloojii fi hubannoo namtolchee addunyaarraa guddichi Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota 180 hirmaachise Dubaayitti adeemsifamaa jira
Onkoloolessa 4/2017 (TOI)- Taateen Teeknooloojii fi hubannoo namtolchee addunyaarraa guddichi (GI teeksi Giloobaal 2024) Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota 180 hirmaachise Dubaayitti adeemsifamaa jira.
Jiddugaleessa daldalaa idil addunyaa Dubaayitti kan baname ‘GI teeksi Giloobaal 2024’ taatee Innoveeshinii fi Teeknooloojii addunyaarratti yeroo afraffaaf adeemsifamurratti hooggantoonni biyyoota 180 irraa walitti dhufan, kanneen Teeknooloojii uuman, Staart aapponnii fi kanneen dhiibbaa uuman hirmaachaa jiru.
Taateen Teeknooloojii fi hubannoo namtolchee guddichi har’aa kaasee amma Jimaata dhufuutti adeemsifamu Egziiviiteroonni kuma 6 fi 500 caalan, gaggeessitoonni kaampaaniiwwan garagaraa kuma 200 walitti dhufaniiru.
Waltajjii guddicha hirmaattota kuma dhibba lama walitti fide cinaatti mariiwwan taasifamaa jiru.
Daarektarri olaanaa bulchiinsa odeeffannoo fi nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid fi daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Dr. Warquu Gaachanaa marii kanarratti hirmaachaa jiru.
Gama biraatiin kaampaaniiwwan odeeffannoo fi Teeknooloojii Itiyoophiyaa afur deeggarsa dhaabbata mootummoota gamoomaniitiin oomishaa fi tajaajilootasaanii beeksifachaa jiru.
Kanneen keessaa kaampaaniin ‘ICT’ ‘IE sooluushiin’ jedhamu bakka bitatee taaticharratti oomishaa fi tajaajilasaa beeksifachaa jira.
‘GI teeksi bara faranjootaa darbe Moorookootti adeemsifamuunsaa niyaadatama.