Tajaajila fayyaa dijitalaa qaqqabaa taasisuuf waliigalteen mallatteeffame - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila fayyaa dijitalaa qaqqabaa taasisuuf waliigalteen mallatteeffame
Onkoloolessa 5/2017(TOI)- Ministeerri hojii fi ogummaa, ministeerri fayyaa teeknooloojii Veeknaa fi orbit heelz waliin ta’uun tajaajila fayyaa dijitalaa qaqqabaa taasisuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltichi teeknooloojii “Biraat Boksi” jedhamu biyya keessatti oomishuun tajaajila fayyaa dijitaalaa baadiyyaatti qaqqabaa taasisuuf kan akeekame ta’uun ibsameera.
Waliigaltichi Itiyoophiyaa fayyadamummaa Teeknooloojiirraa gara Teeknooloojii oomishuutti kan ceesisuu fi beekumsootaa fi ogummaa haaraa horachuuf kan gargaarudha jedhan Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamiil.
Kun ammoo carraa hojii bal’aa uumuurra darbee imala ofdanda’uuf Itiyoophiyaan jalqabde milkeessuuf shoora olaanaa akka qabaatu dubbataniitru.
Waliigaltichi hojiirra ooluunsaa damee oomisha teeknooloojii fayyaa, Roobootiiksii fi hubannoo namtolcheetiin humna namaa ga’oome horachuuf carraa akka uumu ministirittiin ibsuusaanii odeeffannoon ministeera hojii fi ogummaarraa argame nimul’isa.