Biyyoota Afrikaa Bahaatti guyyoota saddeettan dhufan roobni ni rooba. - ENA Afaan Oromoo
Biyyoota Afrikaa Bahaatti guyyoota saddeettan dhufan roobni ni rooba.
Onkoloolessa 6/2017 (TOI) -Biyyoota Afrikaa Bahaatti guyyoota saddeettan dhufan roobni ni roobuu akka itti fufu tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Afrikaa Bahaa beeksise.
Biyyoota Afrikaa Baha kanneen akka lixaa Itoophiyaa, Yugaandaa bakkeewwan hedduutti fi Kaaba Somaaliyaatti roobni idileen olii akka roobus beeksiseera.
Lixa Sudaan Kibba , Kibbaa fi jiddigaleessa Itoophiyaa akkasumas Kibba Eertiraatti immoo roobni giddu galeessaa ta'e akka roobuu eerera.
Kaaba dhiha Taanzaaniyaa fi Keeniyaa naannawwaa qarqara galaanaa fi gara dhihaatti hammi rooba wal fakkaatu akka qabaatu ibseera.
Baha Itoophiyaa fi kutaa gara kaabaa Yugaandaa akkasuma kibba biyyattiti roobni cimaa roobuu lolaa waan uumamuuf of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta'uu odeeffannoon eerera.
Kanaaf namoonni naannolee kanneen keessa jiraatan lolaa fi sigiga lafaa irraa of eeggachuu akka qaban odeeffannoon argame ni mul’isa.
Guyyoota saddeetan itti aananitti Itoophiyaa naannaawwaa tokko tokkoo fi biyyoota Baha Afrikaa birootti roobni salphaa hanga cimaan ni rooba jedhamee eegama.
Tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Baha Afrikaa (ICPAC) IGAD jalatti raagaa haala qilleensaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo hojjetu ta’uun beekama.
Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itoophiyaa; Taateewwan haala qilleensaa rooba uumuu danda’an kutaalee kibba, bahaa, kibba lixaa fi dhiha biyyattii keessatti mul’atan fuula fooyya’aa akka qabaatan guyyoota muraasa dura beeksisera
Bakkeewwan ganna darbe rooba argachaa turan Naannoolee Lixaa, kibba lixaa fi baha biyyattitti roobni ammas akka roobuu itti fufu eeruun isaa ni yaadatama.