Kirkirri lafaa yeroo sadaffaaf kaleessa galgala Finfinneetti dhagahame - ENA Afaan Oromoo
Kirkirri lafaa yeroo sadaffaaf kaleessa galgala Finfinneetti dhagahame
Onkoloolessa 7/2017(TOI)- Kirkirri lafaa yeroo sadaffaaf kaleessa galgala Finfinneetti dhagahameera.
Kirkira lafaa yeroo darbe Finfinneetti mudatetti ittifufuun deebi’ee mudachuusaa Yuunivarsiitii Finfinneetti daarektarri Ji’oofiiziiksii fi Saayinsii hawaa Dr. Eliyaas Leewii mirkaneessaniiru.
Halkan kaleessaa sa’aatii 5 fi daqiiqaa 11tti kan mudate kirkirri lafaa kun Finfinneetti dhagahamuunsaa dubbataniiru.
Kirkirri lafaa kun bakka yeroo darbe itti mul’ate naannawa Awaash Fantaalleetti mul’achuusaa rektar Iskeeliidhaan 4 tuqaa 6 akka ta’e Dr. Eliyaas Leewii mirkaneessaniiru.
Kirkirri lafaa naannawa sana jiru ammallee sochiisaa akka hindhaabne Dr. Eliyaas ‘EBC’ f mirkaneessaniiru.