Kirkirri lafaa guyyaa keesaa naannawa sa’aatii 6tti Awaashitti mudate Finfinneetti dhagahame - ENA Afaan Oromoo
Kirkirri lafaa guyyaa keesaa naannawa sa’aatii 6tti Awaashitti mudate Finfinneetti dhagahame
Onkoloolessa 7/2017 (TOI)- Kirkirri lafaa guyyaa keesaa naannawa sa’aatii 6tti Awaash Fantaannee mudate Finfinneetti naannawa addaddaatti dhagahameera.
Raafamni kirkira lafaa kaleessa galgala mudate ammas deebi’ee Finfinneetti mudachuusaa Yuunivarsiitii Finfinneetti daarektarri Ji’oofiiziiksii fi Saayinsii hawaa Dr,. Eliyaas Leewii ‘EBC’ mirkaneessaniiru.
Kirkirri lafaa guyyaa keessaa sa’aatii 6 daqiiqaa 10 sakondii 9tti Awaash Fantaaleetti mudate Rekta Iskeeliidhaan 4.6 akka ta’e ibsaniiru.
Kirkirri lafaa kun naannawa Awaash Fantaallee bakka yeroo darbe mudatetti yemmuu ta’u sochiin kirkira lafaa naannawicha jiru ammallee akka hindhaabanne Dr. Eliyaas Leewwii dubbataniiru.
Raafamni kirkira lafaa amma mudate xiqqaa ta’uusaa ibsanii, sochiin dhagaa baquu Awaash Fantaallee fi magaalaa Saaburee jidduu jiru amma hindhaabannetti kirkirri lafaa ittifufuuf akka danda’u eeraniiru.