Dubartoonni damee nageenya Saayibariitiin adda duree akka ta’an ga’oomsuu fi deeggaruun nibarbaachisa-Adde Tigist Hamiid - ENA Afaan Oromoo
Dubartoonni damee nageenya Saayibariitiin adda duree akka ta’an ga’oomsuu fi deeggaruun nibarbaachisa-Adde Tigist Hamiid
Onkoloolessa 8/2017(TOI)- Dubartoonni damee nageenya Saayibariitiin adda duree akka ta’anii fi qooda gaggeessummaa bahachuu akka danda’an ga’oomsuu fi deeggaruun akka barbaachisu daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Adde Tigist Hamiid ibsan.
Mariin paanaalii hirmaannaa dubartoonni nageenya Saayibariirratti qabanii fi qooda bahachuu qabanirratti emereetota Araba Gamtooman Dubaayitti adeemsifamaa jiru eksipoo (GITEX 2024) irratti adeemsifameera.
Marii kanarratti paanaalistii ta’uun kan dhihaatan adde Tigist Hamiid dubartoonni damee nageenya Saayibariitiin adda duree akka ta’an deeggarsa hundagaleessa gochuutu barbaachisa jedhaniiru.
Dabalataanis dubartoonni ofga’oomsuun dorgomaa ta’anii dhihaachuu qabu jedhaniiru.
Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dubartoonni gama nageenya Saayibariin adda duree ta’uu isaan dandeessisu, gama imaammataa fi hammattoowwan seeraa addaddaatiin deeggaraa akka jirtu kaasaniiru.
Akkasumas Inisheetiivota teeknooloojii fi nageenya Saayibarii addaddaarratti akka hirmaatan gama onnachiisuutiin hojii hojjechaa jirtu ibsaniiru.
Miseensonni dubartootaa dhaabbatichaa bulchiinsa nageenyaa odeeffannoo Neetwoorkii gara hooggansaatti akka dhufanii fi walumaa gala gama hundaan bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru adde Tigist waltajjicharratti ibsuusaanii odeeffannoon bulchiinsicharraa argame nimul’isa.