Har’a Taphoonni Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa lama nitaphatamu - ENA Afaan Oromoo
Har’a Taphoonni Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa lama nitaphatamu
Onkoloolessa 11/2017(TOI)-Sagantaa tobee afraffaa Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a Taphoonni lama nitaphatamu
Guyyaa sa’aatii 10tti Walaayittaa Diichaan buna Itiyoophiyaa waliin nitaphatu.
Walaayittaa Diichaan taphoota Liigichaa amma ammaatti taphate sadiin tokko mo’atee lamaan mo’atameera.
Garichi taphoota sadiin galchii shan lakkoofsisee sagal ittigaleera. Walaayittaa Diichaan qabxii sadiin sadarkaa 14ffaarratti argama.
Morkataansaa Bunni Itiyoophiyaa taphoota liigichaa lama taphateen al tokko mo’atee al tokko walqixa baheera.
Taphoota Kanaan galchii sadii lakkoofsisee gooliin tokko ittigaleera.
Bunni Itiyoophiyaa taphni tokko osoo hafuufii qabxii afuriin sadarkaa saglaffaarratti argama.
Sagantaa sagantaa torbee afraffaatiin magaalaan Adaamaa Faasil Kanamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.
Magaalaan Adaamaa tahoota Liigichaa amma ammaatti taphate lamaan al tokko mo’atee al tokko mo’atameera.
Taphoota kanneeniin sadii yoo galchu sadiimmoo itti galeera.
Morkataansaa Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa amma ammaatti taphate sadiin al tokko mo’atee al lama walqixa baheera. Gooli sadii galchee lama ittigaleera.
Faasiil Kanamaan Qabxii shaniin sadarkaa torbaffaarratti argama.
Taphoota torbee afraffaa kaleessa taphatamaniin Qiddus Goorgis Baankii daldalaa 3 fi 2n yoo mo’atu Sihul Shiree fi magaalaan Dirreedawaa tokko walqixa bahaniiru.
Gama biraatiin dorgommiin Waancaa Itiyoophiyaa 2017 Har’a Hawaasaatti nijalqabama.
Dorgommichi Hawaasaa dirree Artifishaalaatti sa’aatii 4tti tapha magaalaa Halaabaa fi magaalaa Baatuu jidduutti taphatamuun banama.
Silxee waraabeen Kutaa magaalaa Ekkaa waliin guyyaa sa’aatii 8tti akkasumas magaalaan Shaashamannee magaalaa Boddittii waliin guyyaa sa’aatii 10tti nitaphatu.
Mo’ataan waancaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun waancaa Kaaf konfedereeshiniirratti akka hirmaatu odeeffannoon federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.