Carraaqqii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf Taasiftuuf Cheek Rippaabiliik deeggarsashee nicimsiti

Onkoloolessa 11/2017(TOI)- Carraaqqii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi bulchiinsa lafaa egeree cimsuuf taasiftuuf tumsashee akka cimsitu ambaasaaddarri biyyattii Miirooslaav koosiik dubbatan.

Embaasichi dhaabbilee gargaartotaa biroo waliin ta’uun marii dandeettii  Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi bulchiinsa lafaa egeree cimsuuf tumsa ogeessotaa guddisuu jedhuun qopheesserratti ambaasaaddarichi kana kan dubbatan.

Itti dabaluunis, dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf tumsa cimsuun fi furmaata teeknooloojiin deeggarame nibarbaachisa jedhan.

Dandeettii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf qabdu guddisuuf hojii hojjechaa jirtuuf Cheek tumsashee Kk cimsitu ibsaniiru.

Kana malees jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf gama teeknooloojii fi hojiilee birootiin tumsashee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.

Gorsaan ministira qonnaa Dr. Mitikkuu Ayyalee gamasaaniin, Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojii hedduu hojjechaa jirti jedhaniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabu dabaluuf bulchiinsa lafaa egereerratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hojii kana caalaatti bu’a qabeessa taasisuuf dhaabbileen mootummaa fi mitmootummaa akkasumas tumsi hawaasa addunyaa murteessaa ta’uu eeranii, teekniikaa fi kanneen biroon tumsasaanii akka ittifufan waamicha taasisaniiru.

Ogeeyyonni jijjiirama haala qilleensaa fi bulchiinsa lafaan walitti dhufeenya qaban, bakka bu’oonni mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015