Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad pirezdaantii konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) Paatirees Mootispee Istaadiyeemii Adeyi Ababaa daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad pirezdaantii konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) Paatirees Mootispee Istaadiyeemii Adeyi Ababaa daawwatan
Onkoloolessa 11/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad pirezdaantii konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) Paatirees Mootispee Istaadiyeemii Adeyi Ababaa ijaarsarraa jiru daawwataniiru.
Pirezidaantii KKMA Paatirees Mootispee dabalatee ministirri aadaa fi turizimii Shawiit Shaankaa fi pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Isaayyaas Jiraa fi hooggantoonni biroon daawwannaarratti argamuusaanii TOIn gabaaseera.
Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa bara 2029 qopheessuuf gaafachuushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuunsaanii niyaadatama.
Gaaffiin Itiyoophiyaa fudhatama akka argatus taphataan kubbaa miilaa Naayijeeriyaa duraanii Daani’eel Amokaachii fi Nwaankuu Kaanuu ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’anii carraaqqii jalqabuunsaanii eeruunsaanii akkasuma.
Yaa’iin waliigalaa konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaan boru Onkoloolessa 12 bara 2017 Finfinneetti nitaa’ama.