Taphoonni Ispoortii tokkummaa fi tumsa Afrikaanotaaf gumaacha guddaa taasisaa jiru

Onkoloolessa 11/2017 (TOI) - Ispoortiin Afrikaa tapha Ispoortii qofaa osoo hin taane tokkummaa fi tumsa Afrikaanota cimsa jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Hoggantoonni Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Dhimma Alaa doktar Geedi'oon Ximoteewoos fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon simannaa taasisaniifiru.

Daawwannaa kanarratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee; Itoophiyaan hundeeffamaa fi guddina Konfedereeshinii kubbaa miillaa Afrikaaf gumaacha guddaa gootee jirti jedhaniiru.

Itoophiyaan hojii bu’uuraalee misooma ispoortii dhaloota ammaa fi dhufuu ilaacha keessa galchee hojjechuurratti xiyyeeffannoon hojjecha jirachuu himaniiru.

Afriikaan gama ispoortiitiin namoota gurguddoo fi dhiibbaa uumuu danda’an hedduu horachuu eeranii, kana keessattis Itoophiyaan gumaacha akka goote himaniiru.

Ispoortiin Afrikaa tapha ispoortiin ala Afrikaanota walitti fiduu fi tokkummaa isaa cimsuu keessatti illee humna guddaa akka qabu ibsaniiru.

Itoophiyaan bilisummaa Afrikaa fi guddina sochii pan-Afrikaatiif hojii hin dagatamne hojjettee jirtis jedhaniiru.

Itoophiyaan walabummaa Afrikaaf, hundeeffama konfidereeshinii kubbaa miillaa Afrikaa keessatti gaheen qabdu olaanaa ta'uu himanii kana gara fuula duraattis itti fufti jedhaniiru.

Pireezidaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa (CAF) Paatriis Mootsepee; Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi simannaa ministiroonni adda addaa taasisaniifiif galateeffataniiru.

Yaa’iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa 46ffaa Onkoloolessa 12,/2017 Finfinneetti gaggeessuuf qophiin taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015