Walgahiin koree hojii raawwachiisaa KKMA Finfinneetti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin koree hojii raawwachiisaa KKMA Finfinneetti taa’amaa jira
Onkoloolessa 11/2017(TOI)-Walgahhiin hojii raawwachiisaa konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) hoteela skaayi laayititti taa’amaa jira.
Pirezidaantii KKMA fi walitti qabaan korichaa Paatriis Mootseeppee fi miseensonni koree biroon walgahicharratti argamaniiru.
Koreen hojii raawwachiisaa KKMA miseensota 23 qaba.
Pirezidaantiin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Isaayyaas Jiraa miseensa korichaati.
Yaa’iin waliigalaa konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa(KKMA) 46ffaan boru Finfinneetti taa’ama.