Yaa’iin walii gala KKMA 46ffaan har’a taa’ama

Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Yaa’iin walii gala Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaan har’a Finfinneetti taa’ama.

Pirezidaantiin Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa Paatriis Mootseeppee fi miseensonni koree hijii raawwachiisaa KKMA, pirezidaantiin waldaa kubbaa miilaa idil addunyaa (Fiifaa) Jiyaanii Infantiinoo fi barreessaan olaanaa Fiifaa Maatiyaas Giraafstiroom, federeeshinoonni kubbaa miilaa miseensa biyyoota  KKMA  fi pirezidaantonni waldaalee kubbaa miilaa qaxanaa akkasumas qaamoleen qooda fudhattoota Ispoortii biroon yaa’icharratti nihirmaatu.

Itiyoophiyaan yaa’ii walii gala KKMA yemmuu keessummeessitu kun kan lammataati.

Kanaan dura A.L.Atti bara 2017 yaa’ii waliigalaa Afriikaa 39ffaa qopheessitee ture.

Koreen hojii raawwachiisaa 23 kan qabu KKMA2 kaleessa walgahii taasisuunsaa nibeekama.

Qaama yaa’ii walii gala 46ffaa kan ta’e walgahiin waldaalee kubbaa miilaa qaxanaa kaleesshaa fi dheengadda taa’amuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015