Yaa'iin waliigalaa CAF 46ffaan geggeeffamuu eegaleera

Onkoloolessa 12/2017 (TOI) - Yaa’iin Waliigalaa 46ffaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa( CAF) har’a Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti geggeeffamuu eegaleera.

Yaa'ii kanarratti pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatriis Mootsepee fi miseensonni koree hojii raawwachiiftuu CAF, pirezidaantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa (FIFA) Gi'anii Infantiinoo fi barreessaan olaanaa FIFA Maatiyaas Giraafstiroom, pirezidaantonni federeeshinii kubbaa miilaa kan biyyoota miseensa CAF fi waldaalee kubbaa miilaa naannolee, akkasumas qooda fudhattoonni ispoortii biroo hirmaataniiru.

Yaa'ichi dhimmoota kubbaa miilaa Afrikaa irratti mari'achuun murteewwan adda addaa ni dabarsa jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015