Imaammaata nageenyaa Saayibeerii biyyaalessa hojiirra oolchuun bu'uuraalee misoomaa ijoo eeguuf qaamoleen qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Imaammaata nageenyaa Saayibeerii biyyaalessa hojiirra oolchuun bu'uuraalee misoomaa ijoo eeguuf qaamoleen qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu qabu
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Imaammaata nageenyaa Saayibeerii biyyaalessa hojiirra oolchuun bu'uuraalee misoomaa ijoo eeguuf qaamoleen qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban Daarekatarri olaantuu Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigisit Hamdii himan.
Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo baatii Nageenyaa saayibarii biyyaaleessaa 5ffaa sabaabeeffachuun mata duree ''Imaammata Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa fi gahee qooda fudhatootaa'' jedhuun marii ggeggeessa jira.
Daarekatarri Olaantuu Bulchiinsa nagenyaa Odeeffannnoo Tigisti Hamdii marii kanarratti; imaammanni Nageenyaa saayibarii nageenya bu'uuralee misoomaa ijoo eeguuf kan dandeesisu qabiyyee bal'aa kan qabudha.
Dhimmii nageenyaa saayibarii dhimmaa dhaabbata tokko qofaa waan hin taaneef imammaticha hojiirra oolchuun nageenya saayibarii biyyaa eeguuf qooda fudhatoonni hundi gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru.
Hojiirra oolmaa imaammata irratti gahumsa humna namaa guddisuu fi qindoomina cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.
Dijitaalazeeshiiii dhugoomsuu fi rakkoo nageenyaa saayibarii dabalaa dhufe hiri'isuuf imaammata nageenya saayibarii biyyaalessaa qopheesuun barbaachisuu ibsaniiru.
Itoophiyaan nageenya Saayibarii eegisisuuf hojii hojjechaa jirtuu bu'aa guddaa kan qabu imaammata nageenya saayibarii biyyaaleessa bara 2016 Manni Maree Ministiroota murteesuun hojiirra ooluun ni yaadatama.