Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura kan ta’udha

Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura ta’uusaa dhaabbata fayyaa addunyaatti daarektarri naannawaa, jijjiirama haala qilleensaa fi fayyaa Dr. Maariyaa Neeraa ibsan.

Haallottan qormaata addunyaa yeroo ammaa keessaa jijjiirama haala qilleensaa fi waliin dhahamuu waqtootaati.

Sababa Kanaan Ongeen, roobni hamaa fi cabbiin akkasumas taateewwan fayyaa namaaf rakkisaa ta’an bal’inaan mul’achaa dhufaniiru.

Rakkoo idil addunyaa kana furuuf carraaqqiin waloo fi misoomni barbaachisaa akka ta’e amanamus biyyoonni akka Itiyoophiyaa carraaqqii dhuunfaasaanii tiin furmaata egereef hojjechaa jiru.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan waggoottan jahan darbaniif biqiltuu biiliyoona 40 dhaabuun dinagdee jijjiirama haala qilleensaaf hinsaaxilamne ijaaruuf carraaqqii guddaa taasisaa jirti.

Amma ammaattis bosonni Itiyoophiyaa sadarkaa xiqqaa jirurraa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6 guddachuun jijjiiramni mul’atu galmaa’eera.

Dhaabbata fayyaa addunyaatti daarektarri naannawaa, jijjiirama haala qilleensaa fi fayyaa Dr. Maariyaa Neeraa  sektara kanarratti carraaqqiin Itiyoophiyaa dinqisiisaa ta’uu TOItti himaniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura ta’uusaa ibsaniiru.

Keessumaa qaamolee bishaanii kunuunsuun dhukkuboota bishaaniin dhufan hir’isuu fi dhukkuboota sababa jijjiirama haala qilleensaatiin dhufan ittisuuf furmaata ijoo ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa isheerra darbee idil addunyaaf hiikoo akka qabaatu daarektarri kun ibsaniiru.

Baay’ina ummataatiin Afriikaarraa adda duree kan ta’an keessaa tokko kan taate Itiyoophiyaan du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu dabalatee carraaqqiin fayyaa lammiishee waliigalaa eeguuf taasiftu dinqisiisaa ta’uu kaasanii, dhaabbannisaanii deeggarsa kana cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015