Dhukkuba maangoo ilbiisootaan dhufu ittisuuf hojiiwwan qorannoo lubbu qabeeyyiirratti gaggeeffamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Dhukkuba maangoo ilbiisootaan dhufu ittisuuf hojiiwwan qorannoo lubbu qabeeyyiirratti gaggeeffamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiru
Onkoloolessa 12/2017 (TOI) - Dhukkuba maangoo ilbiisootaan dhufu ittisuuf hojiiwwan qorannoo lubbu qabeeyyiirratti gaggeeffamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Baayoo fi Imerjinig tekinolojii Itoophiyaa beeksise.
Qorattoonni inistiitiyuutichaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhibee maangoo ilbiisotaan dhufu ittisuuf hojii qorannoo lubbu qabeeyyii irratti hojjetameen bu'aan gaariin argamaa jirachuu daawwannaa dirree taasisaniin arguu himaniiru.
Daarektarri Olaanaa fi Qorataan Inistiitiyuutii Baayoo fi Imarjinig Teeknooloojii Itoophiyaa Piroofeesar Kaasaahuun Tasfaayee TOI'tti akka himanitti; ilbiisonni maangoo miidhaan oomisha maangoo hir’isuun dinagdee oomishtootaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a.
Inistiitiyuutichi dhukkuba maangoo ilbiisotaan dhufu ittisuuf hojii qorannoo baayolojii sadarkaa biyyaatti gaggeessaa akka jiru daayreektarri kun eeraniiru.
Qorannoon Asoosaa fi Arbamincitti yaaliif geggeeffames bu'aa gaaariin irraa argamuu himaniiru.
Baala maangootti keemikaala biifuu fi biqiltuu maangoo kutanii kan biroo itti suphuu( grafting) gochuun tamsa’ina dhibee kanaa ittisuuf hojiin qorannoo hojjetamuu ibsaniiru.
Qorannicha keessatti hojiiwwan akka furmaataatti gaggeeffaman keessaa tokko gamashuun diqalomsuu akka ta'ee himanii; gama kanaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Daarektarichi bu'aan qorannoo hanga ammaatti hojjetame kun dhibee kana karaa waaraa to'achuuf kan gargaaru ta'uu kan ifoomu ta'a jedhaniiru.